• Sat. Mar 14th, 2026

ABO-WBOn miseensota haaraa mooraa Zoonii Lixaatti eebbisiise

Jan 18, 2026

ONM-ABO Amajjii 18, 2026 

Abdii fi gaachanni uummata Oromoo dhaabni ABO-WBO garbummaa hundeen uummata Oromoo irraa buqqisuuf ilmaan Oromoo roorroo garee faashistii PP jibban dhiiraa fi dhalaan ofitti fudhatee leenjii kennuufiin bobbaasaa jira.

Humna garbummaa falmatu dirree irraa oomishuun PP kokkee qabee kan jiru ABO-WBOn torbee kana keessa mooraa leenjii Zoonii Lixaatti kaadhimtoota Waraana Bilisummaa Oromoo leenjii waraanummaa fi siyaasaa yeroo dheeraaf kennaafii ture xumursiisee dirqama itti aanuuf bobbaasee jira. 

Eebbi kun kan geggeeffame mooraa Egeree Oromiyaatti yoo ta’u, eebba kana irrattis miseensi Koree Hojii Raawwachiiftus ABO-WBO Jaal Qajeelaa Siraaj fi Ajajaan WBO Zoonichaa Jaal Waamii Dhugaa irratti argamuun haasaa taasisaniiru.

Eebbi Marsaa Galma Dhugaa kun agarsiisa waraanaa fi ergaawwan jajjaboo gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo fi uummata Oromoof dabarsuun kan faayameedha.

Eebbifamtootni marsaa kanaas leenjii kennameefitti gammaduun saba isaanii kutannoo fi cichoominaan hanga wareegama lubbuutti akka tajaajilan ibsuun, uummanni Oromoos qabsoo ilmaan isaan geggeeffamaa jiru cinaa akka dhaabbatu dhaamsa dabarsaniiru.

Hanga garbummaan jirutti qabsoon ni jiraata kan jedhan qondaaltotni WBO eebba kana irratti haasaa taasisan, WBOn gantoota qabsoo of keessaa harcaasee daandii qulqulluu irratti uummata isaa ijaaree injifannoo irra ga’uuf humna qabsichaa WBO baay’inaa fi qulqullinaan leenjisuu jabeessee itti fufa jedhaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading