• Fri. Mar 13th, 2026

Godina Baha Shaggar aanaa Boosat keessatti waraanni faashistii Bilxiginnaa tokko meeshaa waliin WBO Zoonii Harsadeetti harka laate 

Jan 18, 2026

ONM-ABO Amajjii 18, 2026 

Godina Baha Shaggar aanaa Boosat keessatti waraanni faashistii Bilxiginnaa tokko hidhannoo guutuu waliin gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo WBO Zoonii Harsadeetti harka kennachuun barame. 

Miseensi waraanaa faashistii PP kun mooraa waraanaa PP magaalaa Dooniitti argamu keessaa ba’uun qawwee AKM Turkii 1, boombii 2, rasaasa 220 akkasumas qophiilee waraanaa waliin WBO Zoonichaatti nagayaan makamuu isaa hooggansi WBO bakkichaa ONM’f addeessaniiru.

Akka yaada miseensa kanaatti mooraan waraana PP dabaa fi shiraan guutamee waraanni haamilee dhabaa ta’ee jiraachuu eeruun, waraana keessatti qoqqooddaan sabaa akkasumas ilaalcha miseensi waraanaa tokko addatti hin qabneen shakkanii hidhuu hanga ajjeechaatti qondaalonni PP miseensa nagaa irratti raawwachaa akka jiran himuun, sababa kanarraan kan ka’e miseensonni hedduun mooricha keessaa guyyuu gurmaa’anii bifa siivilii fi waraanaan badaa akka jiran  hima. 

Sirnichi uummata Oromoo nagaa fi meesha maleessa irratti xiyyeeffachuun yeroo mara hoomaa waraanaa irratti labsuun jireenya isaa jeequun ajjeesuu, saamuu, hidhuu, reebuu fi dararaa adda addaa dhala namaaf hin malle irratti raawwachaa waan jiruuf, uummata kiyya bira dhaabbadhee roorroo Abiy Ahimad uummata Oromoorratti tarsiimoo baafachuun yakka mirga namoomaa duguuggaa sanyii raawwachaa jiru WBO waliin hiriiree uummata Oromoof  qabsa’ee irraa dhaabuuf akka hojjetu yaada isaa ONM tti ibseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading