ONM-ABO Amajjii 19, 2026
Godina Baha Harargee Aanaa Haramaayyaa, ganda 02 keessatti jiraataan tokko maqaan isaa Mohaammad Ahimad jedhamu, sababa “deggaraa Waraana Bilisummaa Oromooti” jedhamuun qabeenyi isaa akka jalaa saamame jiraatonni himaniiru.
Odeeffannoo jiraattota irraa arganne akka jedhanitti, ijoolleen namicha kanaa kanneen:
- Magarsaa Mohaammadii fi
- Faraan Mohaammad
jedhaman, hidhaatti darbamanii hanga ammaatti ji’a ja’a oliif rakkina hamaa keessa akka jiran ibsaniiru.
Akka jiraattonni naannichaatti qabeenyi Mohaammad Ahimad jalaa saamame keessaa:
- Mashiinoota boolla bishaanii qotan lama qartuu isaanii waliin,
- Television LG inchii 32 tokko,
- Bajaajii tokko,
- akkasumas meeshaalee mana keessaa hedduu akka ta’an dubbataniiru.
Kana malees maatii irrattis doorsisni jabaatee jiraachuu jiraattotni dabaluun addeessaniiru.




