ONM-ABO Amajjii 19, 2026
Godina Lixa Shaggar, aanaa Liiban Jaawwii, ganda Liiban Gaamoo keessatti, ilmaan Oromoo irratti gochi suukanneessaa raawwatamaa jiraachuun jiraattonni naannichaa himan.
Akka odeeffannoo jiraattota irraa argameetti, murni maafiyaa Paartii Badhaadhinaa (PP) jedhamuun waamamu, namicha maqaan isaa Gurmeessa Taayyee jedhamu mana isaa keessaa humnaan baasuun reebaa fi dararaa suukanneessaa irraan ga’eera. Gochawwan kun seeraa fi mirga namoomaa cabsuun kan raawwataman yoo ta’u, namichi kun yeroo ammaa du’aa fi jireenya gidduutti argamuun jiraattonni himaniiru.
Taateen kunis torban kana keessa tahuu himuun, namni kun akka jiraattonni jedhanitti, yakka kam irratti iyyuu kan hin shakkamne, jireenya isaa hojii addaa addaatti bobba’ee gaggeessaa, ijoollee isaa ofii ittiin jiraachisuu, akkasumas hawaasa naannoo isaa keessatti kabajaa fi jaalala olaanaa kan qabu ture.
Jiraattonni naannichaa, gochi akkanaa kun yakka hammaataa mirga namoomaa ta’uu ibsuun, bulchiinsa aanichaa fi qaamolee dhimmi ilaallatu hundaaf komii isaanii dhiyeessanis deebii hin arganne.
Dabalataanis, sabni Oromoo waggoota dheeraaf cunqursa fi hacuuccaa jalaa akka ture yaadachiisuun, amma immoo tokkummaa fi wal-dhageettii cimsachuun bilisummaa isaaf falmachuuf qophii ta’uu qofatu rakkoo kana keessaa nu baasa jechuun yaada isaanii ibsaniiru.



