• Wed. Nov 25th, 2026

Godina Walloo Aanaa Dawwee Harawaatti hattoota murni Bilxiginnaa gurmeessee bobbaaseen loon maatii qabsa’otaa saamamuu, uummanni dararamuu fi qe’eerraa buqqifamuun jabaatee itti fufe 

Jan 19, 2026

ONM-ABO Amajjii 19, 2026 

Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Dawwee Harawaa keessatti murni badiin Bilxiginnaa tibbana gantoota rakkoo naamumsaa qaban seera baqachuun mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo gananii PP’tti harka laatanii fi jala deemtota sirnichaa lakkoofsaan danuu ta’an waliin gurmeessanii dukkana da’oo godhachuun uummata nagaatti bobbaasanii doorsisaa fi saamicha qabeenyaa ulfaataa maatii qabsaa’otaa fi sabboontota ilmaan Oromoo irratti raawwachiisuu itti fufaniiru.

Haaluma kanaan aanaa Dawwee Harawaatti  hattoonni murna PP’n gurmaa’anii bobbaafaman kun Amajjii 16, 2026 galgala halkan keessaa gara qe’ee hawaasaa Buukkoo jedhamuutti imaluun ganda Tulluu Abbaa Adeetti mana maatii qabsa’otaatti marsuun qawween doorsisaa erga turanii booda, maqaa ilmaan keessantu bosona jira jedhuun loon qonnaan bultootaa karra 3 ooffatanii deemuun ibsameera.

Qonnaan bultoonnii fi abbootiin warraa, ganda Tulluu Abbaa Adee irraa loon isaanii karra 3 moonaa keessaa baafamuun jalaa ooffatame kunis maqaan isaanii: 

  1. jaarsa biyyaa Obbo Mahaammad Abbaayyuu fi 
  2. obboloota lamaan kan ta’an Mahaammad Aliyyii fi 
  3. Ahimed Aliyyi 

kanneen jedhaman ta’uu jiraattotni gandichaa ONM dubbise dubbataniiru.

Aanichatti gantoota moonaa qabsoo bilisummaa Oromoo keessaa ganuun PP’tti harka laattatanii fi hattoota Bilxiginnaan saamichaa fi gochawwan farra namoomaa uummata nagaa irratti akka raawwataniif hammeenya barsiisee bobbaasee jiru kanaan hawaasni nagaan dararamaa jiraachuu fi loon maatii qabsaa’otaa hedduun hattoota kanaan moonaa keessaa baafamanii ooffatamaa turuu fi jiraachuu Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa jala bu’ee gabaasaa tureera. 

Onichatti sababa hattoonni kun baay’inaan bobbaafamaniif maatiin qabsaa’otaa, sabboontonni ilmaan Oromoo fi hawaasni bal’aan yaaddoo nageenyaa hamaa keessa galuun, shiftoonni kun loonii fi qarshii yoo nu harkaa dhaban lubbuu keenya galaafachuuf marartoo tokko nuuf hin qaban jechuun baadiyaa onichaa, manaa fi qabeenyaa isaanii gadhiisuun gara magaalotaa fi firroottan isaanii fagoo jiraniitti baqachaa jiraachuu jiraattotni aanichaa dubbisne addeessaniiru.

Leave a Reply