• Sat. Mar 14th, 2026

WBO’n Zoonii Lixaa Miseensota Haaraa Mooraa Biraatti Leenjisaa Ture Eebbisiise

Jan 19, 2026

ONM-ABO Amajjii 19, 2026 

Abdii fi egeree saba Oromoo kan ta’e Dhaabni ABO-WBO gabrummaa uummata Oromoo irraa fonqolchee nageenya isaa mirkaneessuuf ilmaan Oromoo roorroo fi cunqursaa murna Bilxiginnaa morman ofitti fudhachuun leenjii loltummaa gahaa ta’e kenneefii bobbaasaa jira. 

Uummata isaa Oromoo bilisoomsee kabajaa fi ulfina itti horee mirga abbaa biyyummaa gonfachiisuuf jajjabeewwan dirree irratti gabrummaa falmatan oomishuun garee cunqursitoota PP’f yaaddoo ta’ee kan jiru yoo ta’u, ABO-WBO’n torbee kana keessa mooraa leenjii Zoonii Lixaatti kaadhimtoota Waraana Bilisummaa Oromoo leenjii waraanummaa fi siyaasaa yeroo dheeraaf kennaafii ture xumursiisee dirqama itti aanuuf bobbaasee jira. 

Kaadhimtootni tibbana miseensota WBO guutuu ta’uun eebbifaman kunneen dirree irratti ga’umsa qaamaa, tooftaa lolaa, ittisaa fi haleellaa akkasumas leenjii waraanummaa bu’uuraa kan fudhatan yoo ta’u, caayaatti immoo barnoota siyaasaa, Warraaqsaa, garbummaa, seenaa Oromoo, heeraa, seeraa fi dambii naamusa akkasumas haala impaayerri Itoophiyaa keessa turtee fi itti jirtu ilaalchisuun barnoonni kennameeraaf

Eebbi marsaa Firii Qabsaawotaa kun agarsiisa waraanaa fi dhaamsawwan jajjaboo gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo fi uummata Oromoof dabarsuun kan geggeeffame yoo ta’u, abbaa mooraa zoonichaa kan ta’an jaal Falmii Tufaa gama isaaniitiin haala qabsoo bilisummaa Oromoo, akkasumas egeree saba Oromoo fi Oromiyaa ilaalchisuun dhaamsa isaanii dabarsanii jiru.

Eebbifamtoonnis leenjii loltummaa fi siyaasaa kennameefitti gammaduun saba isaaniitiif of kenniinsa hanga wareegama lubbuutti akka hojjetan himuun, uummanni Oromoos bakka hundumaa tokkoomee qabsoo bilisummaa ilmaan isaatiin geggeeffamaa jiru cinaa akka dhaabbatu dhaamaniiru.

Dhuma irrattis hanga Qabsoon Bilisummaa Oromoo ABO-WBO’n geggeeffamu galma isaa gahutti uummatni Oromoo gamtaan dammaqee abdii fi gaachana isaa kan ta’e ABO-WBO cina dhaabbachuun gabrummaatti xumura godhee mirga abbaa biyyummaa gonfachuu qaba jechuun dhaamaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading