• Wed. May 13th, 2026

Godina Iluu Abbaa Booraa Aanaa Noophaatti waraana faashistii PP’n uummanni manni jalaa gubachuu fi buqqifamaa jiraachuu himan

Jan 20, 2026

ONM-ABO Amajjii 20, 2026 

Godina Iluu Abbaa Booraa aanaa Noophaa, Ganda Tuulii jedhamutti gaafa Amajjii 17 fi 18, 2026 uummata irratti badii ulfaataan  raawwatamuu jiraattonni naannoo sanaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf ibsaniiru.

Akka odeeffannoon jiraattota irraa argame ibsutti, humnootni faashistii Bilxiginnaa fi jala deemtonni koloneel Abiy Ahmad hawaasa Oromoo hojii qonnaa irratti bobba’ee jiraatu “deggertoota Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO)”ti jechuun yakkanii manneen hawaasaa 10 ol gubanii, namoota 40 ol immoo qe’ee fi qabeenya isaanii irraa buqqisaniiru.

Dabalataanis, namoota buqqa’an keessaa hedduun bulchiinsa magaalaa Qaaruuf, aanaa Noophaa keessatti walitti qabamanii, dararaa fi doorsisa adda addaa jala akka jiran jiraattonni ni himu. Haalli kun nageenya hawaasaa cabsuu qofa osoo hin taane, jireenya namoota nagaa balaa guddaaf saaxilaa jiraachuun isaa ibsameera.

Hawaasni naannoo sanaa fi maatiin miidhamtootaa rakkoo isaan irra gahe guddaa fi jireenya isaaniifis yaaddoo keessa ga’uun barameera.  

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading