• Thu. May 14th, 2026

Chiiliin ibiddi bosona yoo xiqqaate namoota 18 galaafateef ‘haala yeroo balaa’ labsite

Jan 20, 2026

ONM-ABO Amajjii 20, 2026 

Pireezidaantiin Chiilii Gabri’eel Booriik Dilbata darbe naannoolee kibba biyyattii lama keessatti ibidda bosonaa cimaan namoota 50,000 ol akka baqatan dirqisiisee fi yoo xiqqaate namoonni 18 galaafateef yeroo balaa guddaa kan labsan.

Akka dhaabbati bosona Chiilii CONAF jedhutti, namoonni ibidda dhaamsan hanga Dilbata ganamaatti guutuu biyyattiitti ibidda sochiirra jiru 24 waliin wal’aansoo qabaa kan turan yoo ta’u, inni guddaan naannoo Nuble fi Biyoobiyoo keessatti mul’ateen  mootummaanis yeroo hatattamaa labse. Naannoleen kun magaalaa guddoo Santiyaagoo irraa gara kibbaatti gara 500km (310 miles) fagaatanii argamu.

“Ibidda bosona hamaa itti fufee jiru ilaalchisee, naannoo Ñuble fi Biyoobíyoo keessatti haala balaa labsuuf murteesseen jira. Qabeenyi hundi ni jira,” jechuun Booriik barreeffama X irratti barreesseen dubbateera.

Naannolee lamaan keessatti hanga ammaatti ibiddi gara hektaara 8,500 kan nyaate yoo ta’u, hawaasa hedduu balaadhaaf saaxiluun aanga’oonni ajaja baqachuu akka kennan taasiseera.

Qondaaltonni akka jedhanitti, qilleensa cimaa fi ho’a olka’aa dabalatee haalli hamaan ibiddi bosona akka babal’atu kan gargaare yoo ta’u, namoonni ibidda dhaamsan to’annaa jala oolchuuf akka rakkatan taasiseera. Chiilii harki guddaan akeekkachiisa ho’a hamaa jala kan turte yoo ta’u, Dilbata fi Wiixata Santiyaagoo irraa hanga Biyoobiyootti ho’i hanga 38C akka gahu tilmaamameera.

Ibiddi bosonaa waggoota dhiyoo asitti giddu galeessa kibba Chiilii irratti dhiibbaa guddaa geessiseera. Kunis haala qilleensaa hamaa, gogiinsa fi lolaa dabalatee dhiibbaa jijjiiramni qilleensaa biyya Ameerikaa Kibbaa keessatti mul’isu guddachaa dhufeera.

Guraandhala bara 2024 keessa naannoo magaalaa Vaayin del Mar, kaaba dhiha Santiyaagootti, ibiddi hedduun yeroo tokkotti ka’ee, namoonni 138 du’uu isaanii waajjirri abbaa alangaa mootummaa ibse ture.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading