ONM-ABO Amajjii 20, 2026
Godina Harargee Lixaa, aanaa Doobbaa, ganda Burqaa Biiftuu keessatti hawaasa nagaa irratti tarkaanfiin seeraan alaa fudhatamuun loltoonni faashistii Bilxiginnaa hidhaa hammeessanii jiraachuun ibsame.
Gaafa Amajjii 15, 2026, ergamtoonni koloneel Abiy Ahimed nama maqaan isaa Salaam Mohaammad jedhamu badii tokko malee mana hidhaatti darbachuun hiraarsaa jiraachuu jiraattotni himaniiru.
Jiraattonni akka dabalanitti, hidhamuun nama kanaa yakka seeraan mirkanaa’e tokko malee ta’ee, gochi akkanaa kunis sodaa fi yaaddoo uummata naannoo sanaa keessatti uumuu isaa ibsan.
Kana malees gochawwan sarbamiinsa mirgoota namoomaa danuun aanaadhuma kanatti jabaachuun hawaasni bahee galuuf wabii dhabee jiraachuu himatu.



