ONM-ABO Amajjii 20, 2026
Godina Lixa Shaggar Aanaa Ejersa Lafoo Araddaa Dagaaguu keessaa kaadiroonni fi waraanni PP waliin ta’uun uummata gandichaa maqaa gibiraa, inshuraansii fi uffata milishaa jedhuun tibbana bifa addaan saamicha jabeessuu jiraattotni addeessaniiru.
Akka jiraattotni himanitti, kaadiroonnii fi waraanni aanichaa gara gandichaatti bobbaafamuun tokko tokkoo jiraattotaa irraa qarshii 50,000-100,000tti, guuraa kan jiran oggaa ta’u, kanneen maallaqaa kaffalan hin qabne ammoo reebicha, hidhaa fi doorsisa daangaa hin qabne irratti raawwachaa jiraachuu jiraattotni itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Murni Bilxiginnaa dinagdeen isaa laamsha’ee waan jiruuf deebi’ee bayyanachuuf sababoota garagaraa tarreessuun kallattii seeraa tokko malee afaan qawweetti dhimmaa bahuun uummata ofiifuu qaala’insi jireenyaa hadoochee jiru saamuun hiyyuummaa fi gadadoo hamaaf saaxilaa jiraachuun ni beekama.



