ONM-ABO Guraandhala 1, 2026
Bulchiinsa magaalaa Dirree Dhawaa araddaa Qaallichaa keessatti sababa “Waraana Bilisummaa Oromoo deeggaraa jirtu” jedhuun gaafa Amajjii 28, 2026 ergamtoonni Bilxiginnaa manneen jiraattotaa cufa irra deemuun soolaarii gurguddaa fi xixiqqaa osoo hin hambisin manarraa buufatanii saamuudhaan gara mooraa isaaniitti geeffachaa turuu maddeen ONM’tti himaniiru.
Haaluma kanaanis hawaasa saamichi kun irratti raawwate keessaa namoonni muraasni waajjira gandaatti deemuudhaan maalif qabeenya nuti maallaqa keenyaan bitanne nu jalaa saamama maal balleessine jechuudhaan gaafatanitti qaamota mootummaa achii ol gaafachuu hin dandeessan jechuudhaan reebicha hamaa irratti raawwachuun hidhaatti guuraa turuus himaniiru.
Namoota reebichaa fi hidhaan irratti raawwate keessa kan ammaaf maqaan isaanii nu ga’e:
- Obbo Bushuraa Abdusalaamii fi
- Obbo Shaamii Bushuraa
kanneen jedhaman yoo ta’an namoonni maqaan isaanii ammaaf adda hin baane hedduunis jiraachuu addeessaniiru.




