• Thu. Apr 23rd, 2026

Godina Baha Shaggar aanaa Boosat keessatti murni Bilxiginnaa yakkoota garaagaraa raawwachuun akkasumas bosona gubuu fi qe’ee irraa uummata nagaa buqqisuu jabeessanii itti fufan 

Feb 1, 2026

ONM-ABO Guraandhala 1, 2026 

Baha Shaggar aanaa Lumee fi Boosat keessatti hidhattoonni Bilxiginnaa yakkoota garaagaraa raawwachuu akkasumas bosona gubuu fi qe’ee irraa uummata nagaa buqqisuu jabeessanii akka itti fufan jiraattonni Arraata Biyyoolessaa Oromiyaatti himan.

Akkatuma olitti eerame kanaan murni Bilxiginnaa kan lola WBO fi kallattiilee biroon jeeqamaa jiru godina Baha Shaggar aanaa Boosat magaalaa Bofaatti Obbo Jimaa Birruu kan jedhamu gaarii fardaan kan jiraatu bakka addaa Dhokachoor iraa gara magaalaa Bofaatti osoo hojiif deemaa jiruu obboleessa keetu WBO dha ittiin jechuun qabanii hanga fedhan reebuun gaarii fardaa waliin mana hidhaatti darbachuu isaanii jiraattonni ONM’f addeessaniiru.

Ittuma fufuun hidhattoonni kun ganda Saaraaf Araddaa bakka addaa Dhokachoo irraa maanguddoo umrii 60 ta’an Obbo Dachoo Fiqiree osoo meeshaalee qonnaa tolfachaa jiranii sababa tokko malee reebuun mana yaalaa magaalaa Bofaatti wal’aanamaa akka jiran keessa beektonni eeraniiru. Kana malees ganduma kanatti namoota siyaasa irraa walaba ta’an sababa tokko malee WBO deggertu ittiin jechuun halkan mana isaaniitti seenuun kanneen reebaman:

1.  Jimaa Fiqiree reebanii qarshii 82,000 saaman,

2. Haacaaluu Bayyanaa,

3. Gulummaa Alamuu,

4. Nugusee Badhaadhaa,

5. Alamuu Nagaashuu, 

6. Dabalii Baalchaa – daa’imman waggaa 12 gadi re’oota kan tiksan reebuun mataa isaanii kan buruqsan yoo ta’u,  

kanneen armaan gadii immoo gandichuma bakka addaa qaraaruutti halkan edaa reebuun meeshaa jalaa kanneen caccabsanii fi saaman immoo:

1. Obbo Tonkoluu Kaasaa, 

2.Obbo Bayyanaa Badhaadhaa,

3. Aadde Taliilee maanguddoo iji hin agarre,

4. Garbii Badhaadhaa,

5. Shaalloo Shaanqoo maanguddoo,

6. Baalchaa Fannoo maanguddoo,

7.  Masfinee Shaanqoo reebuun mobaayila guddaa harkaa fudhataniiru.

Kana malees guyyaa kaleesssaa aanaadhuma kana ganda Qaawwaa Hara Mirqasaa namoota qonna irratti bobba’uun jiraatan sababa tokko malee WBO deggertu ittiin jechuun hidhattoonni maqaa WBO sakattaana jechuun bobbaa’an uummata nagaa doorsisuun kan buqqaasan yoo ta’u, ganda Siifaa Battee bakka addaa battee jedhamutti immoo bosona madaala uumamaa eegu gubaa akka jiran ONM”f ifoomsaniiru .

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading