• Fri. Mar 13th, 2026

Godina Gujii Lixaa Aanaa Surroo Barguddaa keessatti waraanni sirna Bilxiginnaa qabeenyaa uummataa saamuu fi jumlaan hidhaa jiraachuun dhaga’ame

Feb 1, 2026

ONM-ABO Guraandhala 1, 2026 

Godina Gujii Lixaa aanaa Surroo Barguddaa ganda Makkala Hidha Kormaa keessatti waraanni murna maafiyaa PP Amajjii 30, 2026 yakka dalagan osoo hin qabaanne “maatii qabsaa’otaa” jechuun jiraattota jumlaan hidhanii dararaa jiraachuu fi qabeenyaa uummanni barootaaf itti dadhabuun horates saamaa turuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Akka jiraattonni jedhanitti, jala deemtonni murna Bilxiginnaa yeroo garaagaraatti saamicha daangaa darbe uummata irraan ga’aa turuu eeruun, tibbana ammoo bifa adda ta’een qabeenyaa uummataa saamuun dachaa isa duraarra hammaachuu fi jumlaan mana hidhaa sirnichaatti galchuun maatii qabsaa’otaa gidirsaa jiru jechuun dubbatu.

Namoota yakka dalagan osoo hin qabaanne waraana murna faashistii kanaan dararamaa jiran keessaa muraasni maqaan nu qaqqabe:

  1. Adoolaa Saafayii,
  2. Lookitee Adoolaa,
  3. Quuxala Dambii fi
  4. Areeroo Godaanaa 

kanneen jedhaman ta’uu fi kanneen biroon jiraachuu addeessaniiru.

Gama saamichaan ammoo maanguddoo Aadde Shoree Dambii jedhaman jalaa buna kuntaala 4 fudhachuun gara waajjira poolisii aanichaatti fe’achuu fi maallaqa 11,250 (Kuma kudha tokko dhibba lamaa fi shantama) jalaa saamanii deemuu odeessi jiraattota irraa Arraata Biyyoolessa Oromiyaa qaqqabe ni ifoomsa.

Kaabinootni murna Bilxiginnaa uummata aanichaarratti daba hin malle raawwachaa fi raawwachiisaa jiran namoota maqaan isaanii:

  1. Dhaddacha Xuungisoo,
  2. Uturaa Biliidaa,
  3. Biiqqaa Hoxxeessaatii fi
  4. Camarrii kanneen jedhaman ta’uun ifoomeera.

Murni abdii kutachuun ijiibbata dhumaa irra dhaabbatee abjuu guddina biyyaa jedhuun burjaajjii uumee guddina biyyaa saamtota bobbaaseen quucarsaa jiru Bilxiginnaan, ilmaan Oromoo haala nama suukanneessuun ajjeesanii gatuu, qabeenya sabichaa mancaasuu fi maatii qabsaa’otaa maqaa jedhuun goleewwan Oromiyaa mara keessatti jiraattota gidirsuun jireenya dhowwaa turuu fi jiraachuun isaanii haqa hin haalamnedha.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading