• Sun. Mar 15th, 2026

Godina Walloo Aanaa Harxummaa Furseetti lukkeelee Bilxiginnaan abbaan maatii tokko yoo hidhamu, maqaa nyaata milishaaf jedhuunis hawaasni midhaan saamamaa jiraachuun barame 

Feb 1, 2026

ONM-ABO Guraandhala 1, 2026 

Godina Walloo aanaa Harxummaa Furseetti jiraataa magaalaa Jumaatee kan ta’e jaarsi biyyaa fi abbaan maatii namni maqaan isaa “Obbo Huseen Ammadooyyaa” jedhamu, Amajjii 29, 2026 bulchaa magaalichaa Obbo Yesuuf Umaruu Gurraachoo jedhamuun maqaa hidhata WBO qabda jedhuun reebamaa hidhaatti darbatamuu jiraattotni magaalichaa ONM’f gabaasaniiru. 

Namni kun qonnaan bulaa hojii qonnaa irratti bobba’ee maatii isaa jiraachifatu malee, deggaraa fi miseensa dhaaba kamiiyyuu kan hin taane ta’uu jiraattotni magaalichaa dubbisne ibsuun, bulchaan Bilxiginnaa magaalichaa kun ammoo abbaa maatii kanaan yeroo darbe nu waliin ta’ii WBO loli jennaan, innis an abbaa maatiiti, maatii koon guddifadha waa’ee siyaasaa keessa hin galu, lola na hin ilaallanne irrattis hin hirmaadhu jedhee waan dideef, yeroo ammaa ammoo sababa irra barbaadee maqaa hidhataa fi qunnamtii WBO qabda jedhuun sobaan yakkee reebaa waajjira Poolisii magaalaa aanichaa Caffaa Roobititti hidhuu dubbatu.

Oduun saamichaan ammoo ganda Ashawaa Luxeetti bulchaan Bilxiginnaa gandichaa namni maqaan isaa Obbo Indiris Arboo jedhamu maqaa nyaata milishaaf jedhuun baatiima kana keessa hawaasa irraa dirqiin midhaan kiiloo 4-5 guuraa kan ture yoo ta’u, yeroo ammaas nyaata milishootaaf jechuun midhaan kiiloo 6-8 jiraattota irraa fuudhaa kan jiru ta’uu fi akka ganda kanaatti milishoota keenya eegumsa irra jiraniif kuntaala 100 ol qopheessuu qabdu jechuun afaan qawween uummata saamaa fi doorsisaa jiraachuun barameera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading