• Thu. Nov 26th, 2026

Godina Baha Harargee Aanaa Meettaa keessatti hidhattoonnii fi kaabinoonni Bilxiginnaa maqaa adda addaa sababeeffachuun hawaasa saamaa jiraachuun ifoome

Feb 2, 2026

ONM-ABO Guraandhala 2, 2026 

Godina Lixa Harargee aanaa Meettaa araddaa Waldaa Gammachuu keessatti lukkeeleen Bilxiginnaa torban darbee irra eegalee hanga guyyaa haraatti maqaa mana barumsaa ijaaruu jedhuun hawaasa nagaan jiruu fi jireenya isaa geggeeffatu irraa qarshii kuma lamaaf dhibba shan namoota hunda irraa fuuchaa turuun himame ture. 

Gaafa Amajji 26, 2026 irraa eegaluun ammoo maqaa ijaarsa waajjira gandaa jedhuun qarshii dhibba shan tokko tokkoo mana gadi dhaabatu irra deemanii dirqiin fuuchuu jiraachuu jiraattonni dubbisne Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru. 

Akka namoonni dubbisne jedhatti jaleewwan kunneen namni qarshii kana hin kaffalle araddaa kanarra jiraatee hojii kamiinuu hojjetachuu hin danda’u jechuun meeshaa waraanaa hidhataniin hawaasa nagaa doorsisaa waan jiraniif, namni ba’ee galuu fi hojii isaa hojjetachuuf yaaddessaa ta’eera jechuun addeessaniiru. 

Sirni nama nyaataa Bilxiginnaa aangoo siyaasaan harkaa qaba jedhu, lammiilee impaayerattii qaala’iinsa jireenyaatiin burjaaja’aa jiru gara laafina tokko malee miliishota isaa itti bobbaasee aangoo ofii qofa ittiin tikfachuu saamicha ulfaataa raawwachaa jiraachuun ni beekama. 

Leave a Reply