ONM-ABO Guraandhala 2, 2026
Ajjeechaa suukanneessaa fi dhiittaan mirgoota namoomaa daangaa darbe garee shiftootaa murna abbaa irree Bilxiginnaan walitti fufiinsaan keessatti geggeeffamaa kan jiru aanaan Baatee, dargaggootni abdii biyyaa ta’an onichatti barjaan dharaa itti maxxanfamee reebamaa, hidhamaa fi hiraarfamaa jiraachuun ibsame.
Amajjii 25, 2026 aanaa Baateetti dargaggoo ol adeemaan maqaan isaa Abduu Mahaammad-Yaasin jedhamu ganda Sallaaxxee jedhamu irraa gabaaf magaalaa xiqqoo onichaa Mootummaa jedhamu waa’illan isaa waliin wayita deemu, hidhattootni sirnichaa raayyaa ittisa impaayeerattii fi milishoota jedhaman dargaggoo kana akka waan inni badii seeraa dalageetti itti marasanii qabuun, maqaa “rifeensa dheeressaa jirtaa fi hidhata WBO qabda” jedhuun dargaggoo kana ta’innaadhaan gabaa keessatti fuula namootaa duratti garmalee isa reebuun wayita inni gaggabee of wallaalee kufutti achii kaasanii hidhaatti darbachuu jiraattotni ONM’f eeraniiru.
Dargaggoon hidhattoota sirnichaa naasuu dhala namaaf hin qabneen gabaa walakkaatti akka nama badii seeraa guddaa dalageetti dabaree itti wal furuun loltoota Abiy Ahimediin reebichi ulfaataan irra ga’e kun yakka dalagee fi dhugumatti hidhata WBO qabaatee osoo hin taane, Oromummaa isaa qofaan yakkamee gochi badii kun irratti raawwatame. Dargaggoon kunis reebicha hamaa irra ga’e kanaan yeroo ammaa rakkoo fayyaa hammaataaf saaxilamuun, mana hidhichaa keessatti yaala tokko malee du’aa fi jireenya gidduutti kan argamu ta’uus jiraattotni gandichaa dabaluun dubbatan.
Guyyaa Sanbataa dargaggoo kana gabaa Mootummaa keessatti reebanii hidhan kana, gara jabeeyyiin Bilxiginnaa kun namoota gabaa magaalichaa keessatti argan cufa lafumaa ka’anii uleen reebaa kan turan ta’uu fi keessattuu gara dargaggootaatti fuula isaanii deeffachuun sobaan yakkanii maqaa faaya Alaabaa Oromoo mormarraa qabdu jedhuun namoota reebaa fi gabichas jeeqaa turuu isaanii odeessi gamasii Arraata Biyyoolessa Oromiyaa dhaqqabe addeessseera.

