• Tue. Nov 24th, 2026

Godina Jimmaatti maanguddoota dabalatee namoonni 1500 ol ta’an dirqiin qabamanii leenjifamuun barame  

Feb 2, 2026

ONM-ABO Guraandhala 2, 2026 

Yeroo ammaa kana haalli nageenyaa fi siyaasaa impaayera Itoophiyaa keessatti mul’atu baay’ee yaaddessaa ta’uun addatti immoo, haalli Oromiyaa keessa jiru hammaataa dhufuun, dirqiin uummata qabanii milishummaa leenjisuu fi hidhachiisuun bal’inaan itti fufaa jira.

Murni Bilxiginnaa gaafa Amajji 31, 2026 magaalaa Jimmaa keessatti namoota tilmaamaan 1,500 ta’an “gaachana sirnaa” jechuun eebbisiisuu isaa ifatti beeksiseera. Kunis akka leenjii nageenyaatti dhiyaatee yoo mul’atus, qabatamaan garuu uummata harka duwwaa ta’e humnaan hidhachiisuu fi balaa keessa galchuudha.

Namoonni leenjii kanaaf filataman baay’een isaanii namoota umrii  dabarsan dadhaboo fi humna qaamaa ga’aa hin qabneedha. Kanneen hafan immoo dargaggoota giddu-galeessa yoo ta’an, haadholiin warraa baay’een isaanii harka qalleeyyii fi deggarsa kan fedhaniidha. Kun hundi agarsiisa leenjii kanaan kaayyoon uummata tikfachuu osoo hin taane, uummata cunqursuu fi sodaachisuu akka ta’e ibsameera.

Namoota kana keessaa hedduun isaanii haadholii umrii fi dadhabinaatiin rakkatan yoo ta’an, tokko tokko ammoo hidhannoo fe’achuun, leenjii waraanaa hordofuun yookaan hiriira dheeraa keessa dhaabbachuun illee isaanitti ulfaataadha. Ta’us, filannoo malee dirqamaan leenjii kana seensifamuun isaanii mirga dhala namaa sarbuu isa guddaadha.

Bilxiginnaan  umurii aangoo isaa dheereffachuuf jecha, akka uummanni Oromoo tasgabbaa’ee hojjetee, jiraatee fi guddina ofii isaa gonfatee hin jiraanneef tooftaa adda addaa qopheessee hojiirra oolchaa jiraachuun isaa ifatti mul’ata. Uummata walitti buusuu, sodaa uumuun to’achuu, akkasumas jireenya gadadoo keessatti hidhanii akka hafan gochuun, tarsiimoo sirna kanaa keessaa isa ijoodha.

Namoonni “gaachana sirnaa” jedhamee leenjifaman kun sirna moofaa fi cunqursaa kana eeguuf qofa osoo hin taane, ofii isaaniifuu balaa keessa galuu isaanii hubachuun nama gaddisiisa. Sababni isaas, namni humnaan hidhachiifame sun yeroo kamiyyuu meeshaa siyaasaa ta’ee fayyadamaaf saaxilama.

Gama biraatiin immoo, dhiibbaan abbootii warraa irra gahaa jiru baay’ee hammaateera. Maqaa leenjii fi tajaajila biyyaa jedhuun, namoonni jireenya isaanii fooyyessuuf hojjetan  dirqamaan fudhatamanii gidiraa argaa jiru. Kunis nageenya hawaasaa diiguu fi rakkoo hawaasummaa bal’aa uumaa jira.

Walumaagalatti, haalli amma Oromiyaa fi impaayera Itoophiyaa keessatti mul’atu akeeka siyaasaa murna tokkoof  jecha uummata guutuu balaa keessa galchuu irratti kan hunda’e yoo ta’u, furmaanni isaa immoo haqaa, bilisummaa fi kabaja mirga uummataa irratti hundaa’e qofaa akka ta’e hubachuun barbaachisaa akka ta’e beektotni ni dubbatu.

Leave a Reply