• Fri. Nov 20th, 2026

Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Qondaalaa keessatti waraanni Bilxiginnaa maanguddoo tokko ajjeesuun dhaga’ame

Feb 2, 2026

ONM-ABO Guraandhala 2, 2026 

Godina Lixa Wallaggaa aanaa Qondaalaa ganda Ashuunfaa keessaa gara jabeeyyiin loltoota Bilxiginnaa Amajjii 30, 2026 maanguddoo ganna 50 olii nama maqaan isaa Ismaa’il Abdallaa jedhamu badii tokko malee rasaasa itti roobsuun ajjeesanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Akka maddeen himanitti, maanguddoon kun hirmaannaa siyaasa dhaaba kamiiyyuu kan hin qabne yoo ta’u, ergamtoonni sirnichaa garuu sababa sobaa “Waraana Bilisummaa Oromoo deggerta” jedhuun ajjeesuu dubbatu.

Sirna dhableeyyiin ergamtoota Bilxiginnaa teessoo siyaasaa nam-tokkee tiksuuf jecha ilmaan Oromoo irratti haala duraan barameen olitti duguuggaa sanyii raawwachaa kan jiran ta’uun ni beekama.

Leave a Reply