• Thu. Nov 26th, 2026

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Kiiramuu keessatti ergamtoonni murna Bilxiginnaa maqaa adda addaatiin saamicha hawaasa irratti geggeessan cimsanii itti fufan

Feb 2, 2026

ONM-ABO Guraandhala 2, 2026 

Godina Baha Wallaggaa aanaa Kiiramuu ganda Caffee Guddinaa bakka addaa Carranaa jedhamu keessatti gaafa Ammajii 26, 2026 qonnaan bultoota maqaan isaanii:

  1. Obbo Gaddisaa Mul’ataa jala qarshii 6000,
  2. Obbo Wajjiraa Guddataa jala qarshii 4000 

akkasumallee hawaasa hunda afaan qawween dirqamsiisanii saamaa jiraachuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Akka maddeen himaniitti hawaasa ofiifuu qaala’insa jireenyaatiin waaadamuun waan qoonqootti nyaatee bulu dhabee rakkatu afaan qawween dirqamsiisuun humnaan harkaa guuraa jiraachuu ifoomsaniiru. 

Fashistichi Abiy Ahimed kufaatii dinaagdee gama maraan impaayerattii mudatee irraa ka’uun ergamtoota isaaf ajaja kennee qe’ee uummataa Oromootti bobbasuun saamicha dangaa darbee irratti raawwachisa kan jiru ta’uu nii beekama.

Leave a Reply