• Fri. Nov 27th, 2026

Godina Baha Shaggar Aanaa Dugdaa keessatti ergamtoonni Bilxiginnaa maqaa kaffaltii gibiraan jiraattota saamuu fi dirqamaan milishummaa leenjisuu itti fufan

Feb 2, 2026

ONM-ABO Guraandhala 2, 2026 

Godina Baha Shaggar aanaa Dugdaa gandoota aanichaa 40 ol ta’an keessatti Bilxiginnaan maqaa kaffaltii gibira lafaa jedhuun lafa hektaara tokkotti nama tokko irraa gadi aanaan qarshii 13,000 fi olaanaan ammoo hanga qarshii 17,000’tti dirqamaan guuraa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Maddeen akka himanitti, kaffaltiin kunis naga’ee seeraa kan hin qabnee fi uummata harka qalleeyyii gidirsanii afaan qawween saamaa jiraachuu dubbatu.

Kana malees, aanichuma gandoota akka: Gamoo Shuubii, Daraaraa Daalachaa, Burqaa Dambal, Waldaa Qal’inaa, Warabboo, Baqalee Girrisaa, Waldaa Maqidallaa fi Tuchii Sumayyaan keessatti immoo namoota baay’inaan 400 ol ta’an humnaan walitti qabanii milishummaa leenjisaa jiraachuu maddeen itti dabaluun eeranii jiru.

Leave a Reply