• Wed. Nov 25th, 2026

Godina Walloo Aanaa Baateetti lukkeeleen Bilxiginnaa ajjeechaa suukanneessaa namoota nagaa lama irratti raawwatanii qaamota hin beekamnetu ajjeese jechuun hawaasa ittiin sossobaa jiraachuun  dhaga’ame 

Feb 2, 2026

ONM-ABO Guraandhala 2, 2026 

Godina Walloo aanaa Baatee magaalaa Baatee fi baadiyaa aanichaa keessatti Amajjii 27 fi 28, 2026 gara jabeeyyiin ergamtoota Abiy Ahimed namoota nagaa lama irratti ajjeechaa rifaasisaa hawaasa onichaa ittiin jiilchuuf yaadame kan raawwatan yoo ta’u, Amajjii 30, 2026 ammoo fuula Ashaboon dhiqachuun karaa waajjira kominkeeshiinii isaanii fi faarsee bultoota isaanii olola sobaa akka tamsaasaa oolaniif qacarataniin gadi ba’anii namoonni nagaan lama aanaa kanatti du’an qaamota ammaaf eenyummaan isaanii adda hin baaneen ajjeefamaniiru, nuti ammoo namoota yakka kana raawwatan jala buunee qorachaa jirra jechuun haqa miidhamtoota kanaa haaluu fi hawaasa bal’aa ittiin sobuuf hojjechaa jirus jedhu.

Abbaa amantii dabalatee namoonni nagaan lama aanaa Baatee magaalaa Baatee fi baadiyaa onichaatti ajjeefaman kun ifaan ifatti hidhattoota Koloneel Abiy Ahimediin ajjeechaan kun kan irratti raawwatame ta’uu osoo hawaasni beekuu, dhugaa namoota kanaa akkuma haqa ilmaan Oromoo hedduu dhoksaa as ga’an kanas dhoksuuf qaama ammaaf hin beekamnetu ajjeese jedhanii uummata sobuuf yaaluun, ofii isaaniif of sobuudha jechuun jiraattotni onichaa dubbataniiru.

Akkuma suuraan kun armaan gadiitti mul’atu gareen ajjeesee waakkatu Bilxiginnaan erga gocha suukanneessaa kana raawwatanii lubbuu namoota lamaa galaafatanii booda, huccuu namoota bifa nama sururuun ajjeesanii kana qorannoo geggeessaa jirruun argannee walitti qabne jedhanii suuraa kaafachuun, miidiyaa of harkaa qabaniin tamsaasaa jiraachuun ibsameera.

Ajjeechaan seermalee fi gara jabinaa hamaan namoota nagaa irratti loltoota faashistii PP’n aanichatti raawwatamee fi haqa miidhamtootaa dhoksuuf karoorfamee qaama hin beekamnetu ajjeese jedhamuun caasaaleen Bilxiginnaan qoosamaa fi waakkatamaa jiru, hawaasa onichaa mara kan dallansiisee fi jireenya isaanii gara fuulduraa irraas abdii kan murachiise ta’uu, jiraattotni aanichaa ONM dubbise eeraniiru.

Leave a Reply