ONM-ABO Guraandhala 2, 2026
Iraan mormii dhiheenya kana ka’e irratti tarkaanfii dhiigaa dhangalaase fudhatte irratti gamtaan Awurooppaa maqaa walfakkaatu Korporeeshinii Eegdota Warraaqsa Islaamaa (IRGC) irratti hojiirra oolchuuf murteesseen booda waraana Awurooppaa “garee shororkeessummaa” jettee labsite.
Af-yaa’iin paarlaamaa Mohammad Bager Galibaf Dilbata kaleessaa akka jedhanitti murteen kun kan murtaa’e “Labsii tarkaanfii farra labsii IRGC akka Dhaabbata Shororkeessummaatti baase keewwata 7” jalatti.
“Awurooppaanonni dhugaa dubbachuuf miila ofitti dhukaasanii, ammas, Ameerikaanotaaf ajajamuu jaamaa ta’een, dantaa ummata isaanii faallaa murteessan,” jedhe Gaalibaf.
Hogganaan imaammata alaa Gamtaa Awurooppaa Kajaa Kalaas, ukkaamsi “deebii malee hafuu” hin danda’u jechuun, Kamisa darbe gareen IRGC n gamtaan isaanii shororkeessaa jedhee moggaasuu isaa beeksisaniiru.
”Sirni ummata ofii kumaatamaan lakkaa’amu ajjeesu kamiyyuu gara kufaatii ofiitti hojjechaa jira,” jechuun miidiyaa hawaasaa irratti barreessiteetti.
Dhaabbanni Oduu Aktiivistoota Mirga Namoomaa Ameerikaa keessa jiru akka jedhutti mormii guutuu biyyattii Mudde 28 komii dinagdeetiin jalqabe garuu yeroo muraasa booda mootummaaf qormaata guddaa ta’e irratti namoonni 6,713 du’uu isaanii mirkaneessee jira.
Aangawoonni Iraan lakkoofsa hidhaa hin ibsine, garuu mormii kana irratti yoo xiqqaate namoonni 3,117 akka ajjeefaman himanii kanneen keessaa 2,427 mormitoota ykn humnoota nageenyaa “qulqulluu” jedhan jechuun Al Jazeeraan gabaaseera.


