• Wed. Mar 18th, 2026

Godina Arsii Bahaa Aanaa Asakoo keessatti murni Bilxiginnaa namoota mana hidhaatti guuruu, qabeenya saamuu fi namoota reebaa jiraachuun dhaga’ame

Feb 3, 2026

ONM-ABO Guraandhala 3, 2026 

Godina Arsii Bahaa aanaa Asakoo ganda Biyyoo iddoo addaa Ceeka jedhamu keessaa Amajjii 21, 2026 loltootni Bilxiginnaa midhaan qonnaan bultoota hedduu saamaa kan turan yoo ta’u, namoota saamaman keessaa muraasni maqaan nu qaqqabe:

  1. Giddii Adamoo Elemoo jalaa midhaan kuntaala sadii fi 
  2. Biroo Haroo jalaas qamadii kuntaala 4 fudhatanii deemuu 

jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf ibsaniiru.

Akkasumas, aanichuma ganda Biyyoo keessaa loltooni kunneen Amajjii 29, 2026 dargaggoota maqaan isaanii: 

  1. Alii Kamaal Badhaasoo, 
  2. Baasoo Alii Badhaasoo, 
  3. Abdallaa Amaan Qomichaa, 
  4. Aabbuu Adamoo Badhaasoo, 
  5. Gannaa Aliyyii Jaarraa fi 
  6. Jibriil Aliyyii Jaarraa 

kanneen jedhaman hidhuun hiraarsaa jiraachuun ifoomeera.

Guyyaadhuma kana gandichuma keessaa qonnaan bultoota jalaa beeyladoota hedduu fudhachaa kan turan yoo ta’u, namoota saamaman keessaa muraasni maqaan nu qaqqabe:

  1. Huseen Elemoo jalaa loon 13 fi re’oota 32,
  2. Huseen Kadiroo jalaa loon 16 fi re’oota 29,
  3. Mahaammad Jiloo jalaa re’oota 21,
  4. Amanoo Roobaa jalaa loon 1, 
  5. Bullaallaa Jamaloo jalaa re’oota 12 fudhatanii deemuu jiraattonni addeessaniiru. 

Kana malees, gadichuma keessatti loltootni kunneen qonnaan bultoota irratti meeshaa dhukaasuu fi reebanii qe’ee isaanii irraa baqachiisuu akkasumas meeshaalee mana isaanii keessa jiran guutuu fudhachuu fi caccabsaa turuus jiraattonni itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading