• Fri. Mar 13th, 2026

Godina Arsii Bahaa aanaa Roobeetti loltoonni maafiyaa Bilxiginnaa qonnaan bulaa tokko rasaasaan dha’anii ajjeesuun tokko immoo erga madeessanii booda qonnaan bultoota hedduu hidhaatti darbatan

Feb 3, 2026

ONM-ABO Guraandhala 3, 2026 

Godina Arsii Bahaa aanaa Roobee ganda Jeenaa Ulul bakka addaa Kalchabaa jedhamutti Guraandhala 1, 2026 qonnaan bulaa Obbo Tolaa Jamaal Aadam jedhamu “deggeraa Waraana Bilisummaa Oromooti” jechuun rasaasaan dha’anii ajjeesuu jiraattonni gandichaa ijaan argan Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Hawaasa meesha maleessa dararuuf ajaja koloneel Abiy Ahimadiin kan bobbaafaman loltoonni sirnichaa qonnaan bulaa kana fuula uummataa duratti erga gara jabinaan ajjeesanii booda, qonnaan bulaa Obbo Kadir Amaan Abdulqaadir jedhamu immoo  rasaasa itti roobsanii madeessuun yeroo ammaa kana miidhama qaamaa irra ga’een du’aa fi jireenya gidduutti kan argamu ta’uu ONM jiraattota kanneen irraa odeeffateera.

Kana malees, ganduma kanarraa Guraandhala 1, 2026 ganama subii sa’aatii 12:00’n qonnaan bultoota maqaan isaanii:

  1. Obbo Amaanaa Huseen Aadam,
  2. Obbo Qaasee Abdoo Kaduu,
  3. Obbo Taajuu Huseen Aliyyii,
  4. Obbi Jamaal Adam Gammadaa,
  5. Obbo Gannaalee Haamid Fatoo,
  6. Obbo Saadam Huseenii fi 

kanneen biroo hedduu ta’an sababa Oromummaa isaanii qofaaf yakkuun qabanii hidhaatti darbachuun beekamee jira.

Aanicha keessatti ergamtoonni faashistii Bilxiginnaa ajaja qaama isaanii olii irraa itti kennamu ba’anii gammachiisuuf jecha bobba’an afaan qawwee gargaaramuun hawaasa nagaan jiruu fi jireenya isaa geggeeffatu dararaa jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading