• Fri. Mar 20th, 2026

Godina Baha Shaggar aanaa Fantaallee keessatti loltoonni maafiyaa Bilxiginnaa jumlaan dubartii tokko gudeeduun ibsame

Feb 3, 2026

ONM-ABO Guraandhala 3, 2026 

Baha Shaggar aanaa Fantaallee keessatti loltoonni maafiyaa Bilxiginnaa namoota shaniin dubartii tokko gudeeduu fi nama tokko immoo qawween rukutanii madeessuu isaanii jiraattonni Arraata Biyyoolessaa Oromiyaatti himan.

Loltoonni murna Bilxiginnaa naamusa malee fi sirna dhablummaan leenjifamuun mooraa waraanaa PP keessaa bobbaafaman guyyaa dheengadda Guraandhala 1, 2026 galgala sa’aatii 4:00tti ganda Qobboo iddoo addaa Jaarraa Nuunnuu jedhamutti dubartii kabajamtuu haadha ijoollee kan taate maqaan ishii Aadde Hawwaa Raaree Jiloo jedhamtu  loltoonni maafiyaa PP gara jabummaan shan ta’anii akka gudeedan ragaa qabatamaan jiraattota gandichaa irraa arganne ni addeessa.

Akka odeessa qabatamaa achirraa argannetti, loltoonni kunniin halkan sa’aatii eerame kanatti uummata nagaa irratti afaan qawween duuluun yoggaa uummanni hedduun rifatee baqatu  daa’imman xixiqqaa waan qabduuf akka baqachuu hin dandeenye eeranii, mana ishiitti seenuun akka gudeedanii fi Obbo Hasan Abdii Dhaddachoo immoo iyya ishii dhaga’uun yoggaa itti birmatu gareen safuu fi qaanii hin beekne kun maaltu si waame ittiin jechuun qawween miila isaa keessa akka rukutan jiraattonni ni himaniiru. 

Murni Bilxiginnaa kan uummata Oromoof kabaja tokko hin qabne, safuu, aadaa fi duudhaa ilmaan Oromoo addunyaaf fakkeenya gaarii ta’u gatii dhabsiisuu fi salphisuun guyyuu yakkoota garaagaraa mirga namoomaa mulqan dalaguun, akka meeshaa waraanaa tokkootti fayyadamaa jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading