• Sun. Mar 15th, 2026

Godina Boorana Bahaa Aanaa Liiban keessatti waraanni impaayera Itoophiyaa saamicha daangaa darbeen uummata hiraarsaa jiraachuun ifoome

Feb 4, 2026

ONM-ABO Guraandhala 4, 2026 

Godina Boorana Bahaa aanaa Liiban ganda Algee keessatti Guraandhala 2, 2026 waraanni murna maafiyaa PP horii uummataa saamanii deemuu jiraattonni bakkichaa ONM’f addeessanii jiru.

Akka jiraattonni jedhanitti, akka lakkooftuu yeroo impaayerattiitti  guyyaa sana ganama saa’a 2:00 irratti loowwanii fi re’oota dabalatee qabeenyaa maanguddoo Aanolee Dhiibbaa jedhamu hunda jalaa ooffatanii deemuu himuun, saamichi loowwanii gandoota akka Hardotii, Mugaayyoo fi Algee keessattillee waraana kanneeniin daran hammaatee jiraachuu dubbatu.

Loowwan saaman kana ooffatanii gara bakka qubsuma isaanii deemuun qalatanii akka nyaatan kan himan jiraattonni, saamicha mul’ataa murna kanaan raawwatamaa jiruun qabeenyi keenya mancaafamaa jira jechuun miira gaddaan guuteen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Murni Bilxiginnaa sirna dadhabaa kufuuf qarqararra jiru deebisanii akka utubaniif ergamtoota mul’ata maleeyyii hedduu Oromiyaa keessa bobbaasuun nagaa uummataa booressuu, qabeenyaa uummataa mancaasuu fi lubbuu ilmaan Oromoo qaalii hedduus ajjeesuun soora bineensaa taasisaa jiraachuun isaa haqa tasa hin haalamnedha.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading