• Fri. Mar 13th, 2026

Godina Gujii Lixaa Aanaa Surroo Barguddaatti doorsisaa fi dhiittaan mirga namoomaa waraana faashistii PPn hammaachuun dhaga’ame

Feb 4, 2026

ONM-ABO Guraandhala 4, 2026 

Godina Gujii Lixaa Aanaa Surroo Barguddaa ganda Makkala-Hidha-Kormaa keessatti, humni waraanaa faashistii PP uummata nagaa irratti yakka suukanneessaa raawwataa jiraachuun jiraattonni naannichaa ONMtti himan.

Akka odeeffannoo jiraattotaatiin, humni waraanaa kun uummata siyaasa kamirraayyuu bilisaa ta’e, sababa tokko malee diinummaa uummata Oromoo irratti qabaachuun, doorsisaa, reebichaa fi miidhaa ulfaataa irraan gahaa jira.

Bifuma kanaan Amajjii 31, 2026 ganama sa’aatii 12:00tti, humni waraanaa murna Bilxiginnaa aanaa Surroo Barguddaa, ganda Makkala Hidha Kormaa, iddoo addaa Qoree jedhamutti, maanguddoo maqaan isaanii Galgalaa Guyyee Gumii jedhaman, “deggaraa qabsoo bilisummaa Oromoo” jechuun himachuun humnaan qabanii, reebicha hamaa irraan ga’uun ibsameera.

Reebichi humnaan raawwatame kun hanga lubbuun isaanii balaaf saaxilamutti akka ga’e jiraattonni ni ibsu. Haata’u malee, maatiin isaanii haala maanguddoo kanaa ilaaluu fi haala fayyaa isaanii beekuuf bakka hidhaa dhaquun yaalii godhanis, humni waraanaa sirnichaa akka hin argine dhorkuu isaa odeeffannoon nu qaqqabe ni ibsa.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading