ONM-ABO Guraandhala 4, 2026
Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Horroo ganda Odaa Bulluq keessaa torban darbe nama maqaan isaa obbo Darajjee Assabaa jedhamu sababa “ilma keetu miseensa WBO’ti” jedhuun ergamtoonni Bilxiginnaa qe’ee fi qabeenyaa isaanii irraa ukkaamsuun hidhaatti darbatanii hiraarsaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Akka maddeen himanitti, Obbo Darajjeen hirmaannaa siyaasa dhaaba kamiiyyuu kan hin qabne yoo ta’u, haaluma wal-fakkaatuun armaan duras haati warraa isaa Aadde Araggee Tarrafaas gaaffii seeraa tokko malee hidhamtee dararamaa jiraachuu dubbatu.
Lukkeeleen Bilxiginnaa kanneen garaa isaanii guuttatanii buluuf qofa jiraatan Waraana Bilisummaa Oromoo lolaan injifachuu hoggaa dadhaban gara maatii qabsaa’otaa fi sabboontota ilmaan Oromootti deebi’uun miidhaa ulfaataa irraan ga’aa kan jiran ta’uun ni beekama.


