• Thu. Oct 8th, 2026

Aanaa Gindabarat keessatti waraanni murna gabroomfataa PP bu’uuraalee misoomaa kan dhaabbatni NGO uummataaf arjoome saamaa jiraachuun ifoome

Mar 10, 2026

ONM-ABO Bitootessa 10, 2026 

Godina Lixa Shaggar aanaa Gindabarat ganda Gammadaa bakka addaa Sagadoo Qadaddii jedhamuun waamamtu keessaatti Bitootessa 8, 2026 Mootora bishaan harkisu kan oomisha jallisiif akka uummanni itti maayii ba’uuf dhaabbatni NGO uummataaf arjoome saamuu jiraattonni bakkichaa ifoomsaniiru.

Akka jiraattonni jedhanitti, mootora bishaanii kana uummatni dirqamaan baatanii Bitootessa 9, 2026 gara magaalaa Culluxeetti akka geessan afaan qawween ajajamanii jiraachuu eeruun, tajaajilli hawaasni naannoo sanaa mootora kana fayyadamuun argatu salphaa akka hin taanee fi oomisha kanneen akka Dinnicha, Hundee Diimaa, Kaarotaa fi kanneen biroo hedduun fayyadamoo ta’anis, murni kun ammoo jalaa fudhachuu miira gaddaan dubbatu.

Gareen Bilxiginnaa, afaan qofaan daandii baasneerra, bu’uuraalee misoomaa kanneen akka bishaan dhugaatii qulqulluu uummataaf bakkayyuu dhaabnee jirraa fi oomisha jallisiin uummatni waggaatti yeroo lamaa ol akka oomishachuu danda’uuf haal-duree nuti mijeessine salphaa miti jechuun miidiyaa isaaniin hafarsaa ooluun, garuu as deebi’anii ammoo gargaarsa dhaabbatni miti mootummaa nuuf taasisurratti saamicha raawwachuun qaanfachiisaa ta’uu qofa osoo hin taane, uummata kana miidhuuf kan qindaa’e akka ta’etti hubanna jechuudhaan dabaluun addeessaniiru.

Kaadiroonni sirnichaa kanneen akka aanichaatti olii haga gadii jiran irra jireessi isaanii waggaa tokkoo ol akka tajaajilanii fi sabaan Amaara ta’uun wal qabatee diinummaan isaan uummata Oromoorraa qaban gochaan irra deddeebi’ee qabatamaan mul’ataa ture; hammas hammeenyummaa isaanii ittuma fufanii jiru jechuun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf ifoomsaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading