• Thu. Mar 19th, 2026

Gamtaan Awurooppaa boba’aa fi gaazii gahaa qaba, garuu gatiin isaa yaaddoodha jedhu dubbi himaan

Mar 10, 2026

ONM-ABO Bitootessa 10, 2026

Biyyoonni miseensa Gamtaa Awurooppaa sababa waraana Baha Giddu Galeessaatiin walqabatee dhiyeessiin boba’aa fi gaazii addaan cituus kuufama boba’aa fi gaazii gahaa qabaachuu isaanii Koomishiniin Gamtaa Awurooppaa Wiixata kaleessaa ibseera.

Dubbi himtuun Koomishinii Gamtaa Awurooppaa Aanaa-Kaayisaa Itkonen Biraaselsitti gaazexeessitootaaf ibsa kenniteen, “gatii anniisaa olka’aa ta’e caalaa nageenya dhiyeessii irratti yaaddoon baay’ee xiqqaadha,” jedhan.

Miseensonni Gamtaa Awurooppaa hanga guyyoota 90 turuuf boba’aa ykn kan kanaan wal gitu kuusaa akka qaban, akkasumas mallattoon haala hatattamaa kamiyyuu akka hin jirre dubbatteetti.

Itkonen biyyoonni G7 kuusaa tarsiimoo gadhiifamuu danda’u irratti walgahii Wiixata booda gaggeeffamu irratti akka mari’atan mirkaneessaniiru.

Gama biraan lola Iraan waliin geggeessaa jiraniin kan wal qabatu  Waashingitan hojjettoonni barbaachisoo hin taane qoonsilaa ishee naannoo magaalaa kibba Turkii Adaanaa naannoo buufata NATO ijoo akka gadhiisan ajajuu  Imbaasiin Ameerikaa Ankaaraatti argamu kaleessaa ibseera.

Erga haleellaan Ameerikaa fi Israa’el Guraandhala 28 eegalee as Iraan qabeenya Ameerikaa rukutuuf jecha haleellaa misaa’elaa fi diroonii guutuu Baha Giddugaleessaa irratti raawwachuun haaloo ba’aa turte.

Sodaan kun kan dhufe Ittisa qilleensaa NATO ⁠baha Meditiraaniyaanii keessatti misaa’ela ⁠baalistikii lammaffaa kan ⁠Iraan irraa dhukaafamee naannoo qilleensaa Turkii seene kuffisuu isaa Ministeerri Ittisaa Turkii ⁠ibsuun, ⁠tarkaanfiiwwan barbaachisoo ta’an keessa deebii malee akka fudhattu akeekkachiiseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading