ONM-ABO Bitootessa 11, 2026
Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Baateetti murni saamichi madda galii isaanii ol’aanaa ta’e Bilxiginnaan, hawaasa qaala’iinsi jireenyaa mataa irra ba’ee ilmaan isaanii iyyuu guddifachuun qormaata guddaa itti ta’ee jiru osoo isaan waraqaa eeyyamaa dura qarshii itti kaffalanii baafatan qabanii akka saamichaaf isaanii mijaa’utti, waraqaa eenyummaa kan duraa dhiisaa namuu amma qarshii 400-500 kaffalaa waraqaa dijitaalaa baafadhaa jechuun hawaasa fedhii isaanii malee dirqiin qarshii irraa guuranii waraqaa eeyyamaa 2’ffaa baafachiisaa jiraachuun ifoomeera.
Akka jiraattotni jedhanitti, namoonni dura waraqaa kana baafatanii manaa qabanis kan duraa itti dhiisifamuun haaraa akka hulaa banatuun qarshii kaffalee dirqiin baafachiifamaa jiraachuu fi waraqaa dijitaalaa isaan jedhan sana qarshii jedhame namoonni yeroo sanatti of harkaa hin qabne namoota irraa liqii fudhatanii akka kaffalan taasisaa kan jiran yoo ta’u, warroota osoo waraqaa qabnuu maaliif lammaffaa qarshii kaffallee baafanna jedhanii gaafatanii fi qarshii hin qabnu jedhan hidhaa, reebichaa fi maqaa ergama biroo qabdu jedhuun sodaachisuun saamicha ija baase kana geggeessaa jiraachuu isaanii itti dabaluun dubbataniiru.
Oduuma saamichaatiin aanaa Baatee guutuu keessatti, lukkeeleen murna faashistii Abiy Ahimed kun barsiisota madda beekumsaa fi qaroo dhalootaa ta’an, barsiisota miindaa xiqqoo hojii isaaniin walin madaalle argataniin hawaasa isaaniif tola oolanii magaalaaf baadiyaatti dhaloota abdii boruu barsiisan maqaa milishoota keenyaa fi jedhuun miindaa isaanii irraa qarshii dhibba dhibbaan murachaa jiraachuu fi barsiisonni gaaffii mirgaa isaanii akka hin gaafanneefis qawween sodaachisuun doorsisaa jiraachuu barsiisaan aanicha irraa Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa dubbise tokko “nuti barnoota harkaa qabaannus, nu ammoo rakkoo jabduutu harkaa nu qaba” jechuun miira gaddaan dabaluun ibseera.
Gareen saamichaaf of ijaaree guutuu Oromiyaatti bobba’e, barsiisota dhalootaa miindaa isaanii irraa muruu fi dhorkachuu, sabbata haadha hiyyeessaa hiikanii garaa isaanii guuttachuun imimmaan lakkuu haadha Oromoo boossisanii guyyuu abaaramaa kan oolan jaleewwan Bilxiginnaa, dinagdee impaayeerattii laamsha’e deebisanii suphuu fi giiphii isaanii guuttachuuf ifatti ba’anii hiyyummaatu yakka malee hatuu fi saamuun yakkaa miti maqaa jedhuun hojii isaanii saamichaa irratti bobba’aniiru.
Saamicha isaanii ija baase kanaanis barsiisotaa fi ogeessota fayyaa irraa miindaa murachuu, dhorkachuu fi qonnaan bultootaaf daldaltoota kaffaltii gosa garaa-garaa itti tarreessuun saamicha hamaa jiraattotatti yaaddoo uumee fi abdii jireenyaa dukkaneesse guyyuu raawwachaa jiraachuun ni beekama.






