ONM-ABO Bitootessa 29, 2026
Godina Baha Wallaggaa aanaa Guutoo Giddaa ganda Angar Alaltuu jedhamu keessatti Bitootessa 26, 2026 hidhattoonni Amaaraa maqaa Faannoo jedhuun of-waaman qonnaan bulaa maqaan isaa Obbo Dirribaa Gadaa jedhamu rasaasa itti roobsuun luka isaarra bakka lama madeessuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Kana malees, guyyaama sana gara jabeeyyiin finxaaleeyyii Amaaraa kunneen jiraatuma gandichaa konkolaachisaa doqdoqqee kan ta’e, dargaggoo maqaan isaa Mahaammad jedhamu haala suukkanneessaa ta’een albeedhaan qalanii erga ajjeesanii booda, reeffa isaa ibidda itti shidanii gubuu maddeen itti dabaluun himaniiru.
Waraanni Bilxiginnaa naannoo sana tures, “lolichi humna keenyaan oli; homaa tokkollee isiniif gochuu hin dandeenyu waan ta’eef, qe’ee fi qabeenya keessan dhiisaa baqadhaa” jechuun dursanii bakkicha gadi lakkisanii, uummanni gandichaa fi gandoota ollaa gara magaalaa Horroo Alaltuu fi magaalaa Ukkeetti baqataa jiraachuu maddeen eeranii jiru.
Finxaaleyyiin Amaaraa jibba ilmaan Oromoof qaban ifatti mul’isuuf murnoota Bilxiginnaan utubamanii hidhannoo guutuun hawaasa Oromoo: qe’ee fi qabeenya irraa buqqisuun, saamuun, bakka buutee dhabamsiisuun, ajjeesuu fi ukkaamsanii qarshii guddaa gaafachuun hiraarsaa ulfaataa gara jabinaa guyyaa guyyaan raawwachaa jiru.

