ONM-ABO Bitootessa 29, 2026
Godina Baha Shaggar aanaa Boosat keessatti sabni bicuu Argobbaa murna Bilxiginnaan deggeraman daangaa qaxxaamuruun saamicha hammeessuu isaanii jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Sabni bicuu Argobbaa murna Bilxiginnaan deggeramuun hidhachiifaman aanaa Boosat ganda Qaawwaa Hara Mirqaasaa keessatti Bitootessa 28, 2026 sa’aatii 9:00 irratti bakka addaa Bubbisaa(Mato alaqaa) jedhamutti daangaa qaxxaamuruun uummata Oromoo meesha maleessa irratti dhukaasuun horii saamaniiru.
Haaluma kanaanis horii namoota afurii horsiisee bultoota maqaan isaanii:
- Bashir Nabii,
- Murteessaa Irkichoo,
- Jamaal Nabii fi
- Adam Hajii
kanneen jedhaman tiksee horii kan ta’an ijoollee sadii biraa ari’uun erga ooffatanii booda birmannaa waliif taasisaniin osoo namootni saba xiqqaa kanaa itti dhukaasanii harka duwwaa isaanii loon irraa deeffachuun re’ootaa fi hoolaa Obbo Adam Hajii 100 ol immoo afaan qawween saamanii gara ganda isaanii Luleetti deebi’uu jiraattonni gandichaa ONM’f addeessaniiru.
Hidhattoonni Bilxiginnaa kan daangaa Oromiyaa eegna jechuun daandii gurraacha Itiyoo-Jibuutiirra buufatanii jiran osooma beekanii isintu qe’ee isaanii dhaqee lole, horii isaanii deebisaafii jechuun Argobbaa deggeranii daba isaanii baratamaa sana ilmaan Oromoo irratti raawwattanii jiru.
Murni Bilxiginnaa aanaa Fantaallee fi Boosat keessatti irra deddeebiin saba Argobbaa qawwee hidhachiisuun uummata Oromoo immoo ulee bareedaallee akka manaa hin qabaanne dhorkuun miidhaa garaagaraa irratti raawwachaa akka jiran ni beekama.






