ONM-ABO Bitootessa 29, 2026
Godina Baha Wallaggaa Aanaa Limmuu gandoota akka Mukarbaa Diimaa fi Sapheeraa jedhaman irraa loltoonni maafiyaa Bilxiginnaa, maqaa leenjii milishaa sababeeffachuun qabanii deemuun himame.
Namoota kanneen keessaa kan maqaan nu ga’e:
- Qannoo Dabaloo,
- Lammii Abarraa,
- Garramoo Dhufeeraa,
- Galataa Jabeessaa,
- Tashoomee Fufaa fi
kanneen biroo 60 ol ta’an Bitootessa 27, 2026 dirqiin qabanii ukkaamsuun gara aanichaatti geessuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Jiraattonni gandichaa ONM’f akka himanitti, murni nama nyaataan Bilxiginnaa namoota kanneen fedhii isaanii malee afaan qawwee isaaniitti fayyadamuun, hawaasa nagaa hojii qonnaa irratti bobba’uun maatii isaanii jiraachisan qe’ee fi qabeenya isaanii irraa ukkaamsanii mooraa leenjii milishaatti erguu addeessu.
Tiksitootni barcuma siyaasaa Abiy Ahimad godinoota Oromiyaa mara keessatti hawaasa nagaa mana amantaa, iddoo gabaa, mana gaddaa fi bakkeewwan hedduu keessatti humna waraana isaaniitti gargaaramuun leenjii milishaatti guuraa waan jiraniif hawaasni yaaddoo, sodaa, abdii kutannaa jireenyaa fi lubbuu l hamaa keessa jiraachuun ifoomee jira.
Kana malees yeroo hawaasummaa kanneen akka cidhaa fi gaddaa akkasumas bakkoota wal argaa uummataa akka manneen amantaa fa’atti adamsamsanii qabamuun uummata irratti sababa hammaateef hawaasni du’aa walii awwaaluu fi cidha waliif geggeessuu irratti argamuu hanqachaa jiraachuun bakkeewwan hedduutti mul’achaa kan jirudha .

