• Fri. Nov 20th, 2026

Aanaa Adaabbaa keessatti loltoonni Bilxiginnaa qonnaan bultoota afaan qawween lafa irra buqqisuun, dargaggoo tokko ajjeesanii, 7 yoo madeessan, namoota 15 immoo reebuun ifoome

Mar 30, 2026

ONM-ABO Bitootessa 30, 2026 

Godina Arsii Lixaa aanaa Adabbaa ganda Gaaraadilloo Misraa jedhamu keessatti Bitootessa 27, 2026 loltootni Bilxiginnaa qonnaan bultoota lafa isaanii irraa jumlaan buqqaasuuf dhukaasa irratti bananiin dargaggoo maqaan isaa Bilaal Ibraahim jedhamu rasaasaan rukutanii yoo ajjeesan, namoota 7 madeessanii 15 immoo reebuun miidhaa jabaa irraan gahanii deemuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Dargaggeessi ajjeefames ta’e kanneen rasaasaan madaa’an akkasumas, kanneen reebaman kunneen yakka dalagan qabaataniif osoo hin taane yeroo loltootni kunneen lafa sana irraa ka’aa jedhanii hawaasa buqqisanitti “lafa keenya irraa kaanee “eessa deemna gaaffii jedhu qofa waan gaafataniif miidhaan kun irra ga’e jechuun jiraattonni dabalataan foomsanii jiru.

Murni Bilxiginnaa yeroo garaa-garaatti lafa sana irraa hawaasni akka ka’uuf uummata doorsisaa kan ture yoo ta’u, hawaasni bakka kana irraa ka’ee iddoo deemu waan hin qabneef jecha yeroo inni deemuu didee lafa isaa qotachuu eegalu humna waraanaa konkolaataan aanicha irraa fe’anii ganda kana irra qubachiisuun qonnas dhowwanii gocha gara jabeenyaa kana qonnaan bultoota kana irratti raawwachuun, qe’ee fi qabeenya isaanii barbadeessanii buqqaasaa jiraachuu gabaasaan nu qaqqabe ni ifoomsa.

Leave a Reply