ONM-ABO Bitootessa 30, 2026
Handhuura Oromiyaa Bulchiinsa Magaalaa Shaggar sitii keessatti murni saamtota impaayerattii sagantaa gibira walitti qabuu karoora waggaa qindeeffatan keessatti maqaa “ijaarsa seeeraan alaa fi abbaa qabeenyummaa ijaarsa lafa manaa” jedhu dahoo godhachuun jiraattota hawaasa Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Siitii irratti saamicha hamaa raawwachuun dararaa jiraachuu jiraattonni Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Siitii Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Akka jiraattonni magaalichaa ONM’f himanitti, murni Bilxiginnaa raafama siyaasaa fi dinagdee, lola hamaa biyya keessaa fi alaa irraa impaayericha mudachaa jiru irraa of baraaruuf sagantaa “gibira ijaarsa lafa manaa kan waggaa hawaasa irraa funaanuu” jedhu da’oo godhachuun saamicha ulfaataa irra jiraachuu dubbatu.
Kana malees, tokko tokkoo hawaasa lafa mana jireenyaa irratti ijaarrachuuf hojjettoota waajjira lafaa bulchiinsa magaalichaa irraa dura bitatan amma immoo gibira lafichaa kan waggaa tokkoo ijaarsi manaa kan irra hin jirre, iskuweer kaaremeetir tokko qarshii 633 yoo ta’u, nama iskuweer kaaremeetirii 200 qabu qarshii kuma dhibba tokkoo fi digdamii jaha fi qarshii dhibba jaha (126,600) kan fuuchaa jiran ta’uun itti dabaluun ibsameera.
Rakkoo daballii gibira humnaa olii kana irraa kan ka’e, harka qalleessi lafa bitatee irratti ijaarrachuu hin dandeenye guutummaa guutuutti lafa isaa irraa fuudhanii gurgurachuun gama tokkoon lafa gama kaaniin immoo maallaqa guddaa saamaa jiraachuun hubatameera.
Murni faashistii PP maqaa “gibiraa” sababeeffachuun gibira humnaa olii itti fe’uun “ofirraa kaffaluu dadhabde” jechuun irraa dhuunfatanii ari’aa, maqaa “lafa magaalaa” jedhuun qabeenya dhuunfaa lafa abbaa isaanii abbootii isaanii irraa dhaalaan fudhatan irraa fuuchuun alagaaf hiruun, har’as tooftaa kanatti gargaaramanii qonnaan bultoota Oromoo dura Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Siitii keessa turan buqqisuun godaansa seeeran alaa godaansisaa dachii Oromoo alagaa dhaalchisuun hawwaasni Oromoo immoo jireenya mataa isaanii jiraachuu dadhabsiisanii, garba ta’ee alagaaf akka hojjetu gochuun karooraa fi sagantaa siyaasaa isaanii godhanii hojjechaa akka jiran beekamee jira.




