• Sun. Nov 22nd, 2026

Aanaa Nuunnuu Qumbaatti ergamtoonni Bilxiginnaa jiraattota hidhaatti darbachuu fi manneen jalaa gubuu hammeessan

Mar 30, 2026

ONM-ABO Bitootessa 30, 2026 

Godina Baha Wallaggaa aanaa Nuunnuu Qumbaa ganda Waamaa Lalisaa bakka addaa Banqoo jedhamutti loltoonni gara jabeeyyii Bilxiginnaa qonnaan bultoota hidhaatti darbachuu fi mana irratti gubaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Safuu fi safeeffannaa hawaasa Oromoof kan hin qabne jala deemtonni Bilxiginnaa, maanguddoo ganna 70 olii kan ta’an Obbo Firrisaa Waakkennee badii tokko malee, Oromummaa isaanii qofaaf reebicha ulfaataa irratti raawwachuun waajjira ganda Waamaa Lalisaatti hidhanii dararaa jiraachuu jiraattonni gandichaa ibsaniiru.

Jaleewwan Bilxiginnaa, nagaa hawaasaa gooluun ba’aaf gala dhorkan, ganduma kanarraa maqaa “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabda” jedhuun yakkanii Obbo Gammachuu Firrisaa jalaa Bitootessa 26, 2026 qabeenyaa fi meeshaalee mana keessaa hunda waliin abiddaan barbadeessuun eeramee jira.

Gochaan gara jabinaa kun maatiin qonnaan bulaa kanaa hiyyummaa fi gadadoo keessatti akka kufaniif saaxilee kan jiru yoo ta’u, wayita bonaa hongeen ganna ammoo roobaan akka dhaanamaniif karaa baneera.

Aanicha guutummaa keessatti qonnaan bultoonni hedduun yakka tokko malee maqaa “deggertoota Waraana Bilisummaa Oromooti” jedhuun saamamuu, reebamuu, hidhamuu fi ajjeefamuun hiraarfamaa jiru.

Leave a Reply