ONM-ABO Bitootessa 30, 2026
Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Aayiraatti caasaaleen murna Bilxiginnaa daataa filattootaa dachaadhaan dabalanii gabaasuuf walii galan jechuun odeeffannoon keessoo PP bahe ifoomseera. Maddi odeeffannoo sirnicha keessaa argame akka ibsutti, lakkoofsi uummataa ganda tokko keessatti kaardii fudhatan yoo 20,000 ta’e gara 40,000tti ol kaasanii gabaasuuf irratti mari’atamuu fi walii galamuu isaanii himaniiru.
Odeeffannoon kun yeroo filannoon impaayera Itoophiyaa ji’oota muraasa booda gaggeeffamuuf qophaa’amaa jiru keessatti dhagahamuun sirnichi filannoo durumayyuu haqummaa hin qabne fi dorgomaa sirriin bira hin jirre of amanuu dadhabuu fi warri jalaa aanga’oota olii gammachiisuu gamanumaan waliin dha’uu eegalaniiru.
Hoggantoonni aanaa sadarkaa adda addaa irratti argaman karoora kana irratti hirmaachaa jiraachuu kan himan maddeen, kun immoo sirna galmee fi lakkoofsa filattootaa irratti seera cabsiin raawwatamaa jiraachuu agarsiisa.
Adda durummaan shira kana kanneen qopheessaa jiran maqaan isaanii:
- Itti gaafatamaa paartii Badhaadhinaa aanaa Aayiraa Obbo Gazzaany
- Bulchaa aanaa Aayiraa Obbo Fiqaaduu fi
- Itti aanaa bulchaa aanaa Obbo Hiikaa Kumsaa akka ta’anis ibsameera.
Akka hayyoonni siyaasaa ibsanitti, filannoon seera qabeessi galmee sirrii fi iftoomina qabu irratti hundaa’uu qaba. Yoo daataan filattootaa sobaan dabalamu ykn hir’ifamu, bu’aan filannoo sun mootummaa dhugaa uummataan filatame hin ta’u.
Uummanni ammoo haala kana keessatti hirmaannaa bilisaa fi sodaa malee qabaachuu dhabuu mala. Sodaa, doorsisaa fi odeeffannoo sobaa keessatti filannoo gaggeessuun dimookiraasii irratti miidhaa guddaa geessisa.
Impaayerattii keessatti dirreen dimookiraasii diriiruu irra, dhiphachuu fi cufamuu keessa seenaa jira. Miidiyaan, paartileen mormitootaa fi qaamoleen hawaasa sivilii hojii isaanii bilisaan akka hin hojjenne, sirni filannoo sirrii ta’e akka hin jiraanne Bilxiginnaa taasiseera.
Haala kana hubachuun dura taa’aa KFO Pr. Mararaa Guddinaa sababa filannoo ga’aa keessatti guutuutti hin hirmaanneef wabii nageenyaa dhabuu kaasuun filannoon PPn fakkeessiif geggeessu kun nageenyaa fi tasgabbii akka hin finnee fi sirna diimookiraasii akka hin dhalchine hubachiisaniiru.





