ONM-ABO Bitootessa 30, 2026
Yeroo lolli Ameerikaa fi Israa’el Iraan irratti gaggeeffamaa jiru gama dachaa irratti hammaataa dhufetti gatiin boba’aa gara torban lamaa keessatti sadarkaa olaanaa isaatti ol ka’eera.
Boba’aan Birent kan addunyaa irratti madaalame Ihar’a ganama dhibbeentaa 3 ol dabalee barmeela tokkoof doolaara 116 ol ta’eera.
Ol ba’iinsi yeroo dhiyoo kanaa kun safartuu idil-addunyaa erga Bitootessa 19 as yeroo gabaabaaf barmeela tokkoof doolaara 119 tuqee sadarkaa olaanaa irra ga’eera.
Dambaliin kun kan dhufe Iraan weerara lafaa Ameerikaatif qophaa’uu ishee erga ibsitee booda yoo ta’u, Af-yaa’iin paarlaamaa biyyattii Teehiraan dhufaatii loltoonni Ameerikaa “ibidda itti qabsiisuu” fi michoota naannoo isaanii “adabbiin” akka eeggachaa jirtu akeekkachiisaniiru.
Akeekkachiisni Teehraan kun kan kenname yeroo dhuma torban darbee waldhabdeen kun gadi fageenyaan kan dhufe yoo ta’u, Huutii Iraaniin deggaramu waraana kana keessatti yeroo jalqabaaf Israa’el irratti misaa’ela kan darbate fi Israa’el weerara kibba Libaanos irratti babal’isuu isheetti.
Indeeksiin aksiyoonaa ijoo Eeshiyaa daldala ganama irratti haalaan gadi bu’eera.
Iraan haleellaa Ameerikaa fi Israa’el irratti raawwatameef haaloo ba’uuf jecha daandii Galaanaa Hormuuz bu’a qabeessa ta’een cufuun ishee dhiyeessii boba’aa fi gaazii uumamaa dhangala’aa (LNG) addunyaa keessaa gara harka shan keessaa tokko jeequun addunyaan waggoota kurnan darban keessatti rakkoo anniisaa guddaa keessa galcheera.
Erga waraanni kun jalqabee gatiin boba’aa gara dhibbeentaa 60 dabaluu isaatiin gatii boba’aa addunyaa guutuutti ol kaasuun biyyoonni hedduun anniisaa kunuunsuuf tarkaanfiiwwan hatattamaa akka fudhatan dirqisiiseera.
Xiinxaltoonni akka akeekkachiisanitti, tiraafikoonni galaanaa gara sadarkaa idileetti yoo deebi’e malee gatiin boba’aa dabaluu itti fufuu akka hin oolle akeekkachiisaniiru.
Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp Teehiraan yeroo xumuraa Ebla 6tti daandii bishaanii kana irratti ukkaamsuu yoo hin dhiifne bu’uuraalee anniisaa Iraan “ni haleelti” jechuun doorsisaniiru.



