ONM-ABO Bitootessa 30, 2026
Godina Baha Harargee aanaa Baddannoo araddaa Gooroo Wadoo jedhamu irraa lukkeeleen Bilxiginnaa “kaffaltii sin gaafanne qarshii 700 kennuu diddan” jechuun qonnaan bultoota irratti reebicha raawwachuun himame.
Jaleewwan dantaa dhuunfaa fi galii impaayerattii tinnisuu kaayyoo taasifatan, Bitootessa 27, 2026 qonnaan bultoota:
- Yusuuf Ahimad,
- Kaalid Ahimadii fi
- Ahimad Yusuuf
jedhaman akka isaan kaffalaniif reebicha ulfaataa irratti raawwachuu jiraattonni araddichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Qonnaan bultoonni kunneen, yeroo ammaa kana miidhaa qaama isaanii irra gahe dandamachuu dadhabuun mana yaalaatti du’aa fi jireenya gidduutti kan argaman ta’uun itti dabaluun ibsameera.
Ergamtoonni Bilxiginnaa kutaalee Oromiyaa cufa keessatti namoota qoonqootti nyaachuufuu midhaan qunnaa tokko manaa hin qabnee fi rakkoo qaala’insa jireenyaan waadaman, haala saamichaaf isaanii mijatu tolfachuun maqaa kaffaltii gosa adda addaa naga’ee seeraa tokko hin qabneen saamaa kan jiran ta’uun, kanneen waan fidanii kaffalan dhaban garmalee reebuun hiraarsaa jiru.


