• Mon. Nov 23rd, 2026

Aanaa Boosat keessatti hidhattoota murna maafiyaa PP gidduutti dhibdeen siyaasaa uumamuun dhaga’ame

Mar 30, 2026

ONM-ABO Bitootessa 30, 2026 

Godina Baha Shaggar aanaa Boosat keessatti hidhattoonnii fi kaabinoonni murna Bilxiginnaa dhibdeen siyaasaa gidduutti uumamuun tasgabbii dhabaa akka jiran keessa beektonni Araara Biyyoolessa Oromiyaatti himan. 

Aanaa Boosat ganda Saaraaf Araddaa akkasumas magaalaa Bofaa keessatti ajajoonni humna garaagaraa hogganan fedhii isaanii malee dirqamatti bobbaasaa akka jiran maddeen garaagaraa ni ibsu.

Akkuma kanaan guyyoota lamaan darbe ganda Saaraaf Araddaa keessatti hidhattoonni maqaa filannoo kijibaa impaayerattii keessatti jijjiirama hin fidneen bobbaafaman mirgi isaanii sarbamuun guyyaa naannoo sa’aatii 7:00tti mana barumsaa gandichaa biratti reebamaa akka turan maddeen ibsuun, haalli kun hidhattoota baay’ee akka aarse dubbataniiru. 

Kanarraan kan ka’e hidhattoonni kun magaalaa Bofaa keessatti dirqamaaf kallattii kennuun yoggaa ajajaan bobbaasu didanii hafuun, jeequmsi ulfaataa isaan gidduutti uumee akka jiru keessa beektonni itti dabaluu ONM’f eeraniiru. 

Aanaadhuma kana keessatti kaabinoonni Bilxiginnaa ilaalcha siyaasaan wal dhabuun bulchaa magaalaa Boolee kan ta’e Huseen Faqoo akkasumas qaama tikaa EPRDF kan turee yeroo ammaa immoo tika PP kan ta’e maqaan isaa Awwal Goobee Haji Gannaa qaama tikaa PP’tiin akka hidhaman gabaasuun keenya ni yaadatama

Leave a Reply