• Mon. Nov 23rd, 2026

Aanaa Muneessaa keessatti loltoonni Bilxiginnaa obboloota 2 ajjeesuu fi nama 7 qabanii achi buutee dhabamsiisuun dhaga’ame

Mar 30, 2026

ONM-ABO Bitootessa 30, 2026 

Godina Arsii Bahaa aanaa Muuneessaa ganda Heeban Dhuubboo iddoo addaa Hongee jedhamu keessatti Bitootessa 28, 2026 loltootni Bilxiginnaa gandicha keessa bobba’uun namoota hedduu qe’ee isaanii keessaa erga ari’aniin booda obboloota lama kanneen maqaan isaanii: 

  1. Gandisoo Kulluu Abbaay fi 
  2. Galatoo Kulluu Abbaay  

jedhaman rasaasa itti roobsanii bakka tokkotti ajjeesanii reeffa isaaniis bakkeetti darbatanii biraa deemuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Ijoollonni kunneen umriin isaanii 16 fi 17 yoo ta’u, yakka dalagan osoo hin qabaatin sababa obboleessi isaanii miseensa Waraana Bilisummaa Oromoo ta’e qofaaf maqaa isaanii gaafachuun rasaasaan rukutanii akka ajjeesan jiraattonni itti dabaluun ifoomsaniiru. 

Haati ijoollee kanaa ilmaan dhiiraa kan biroo kan hin qabne yoo taatu, akkuma reeffa ijoollee ishee argiteen rifaatuu guddoo keessa galuun of wallaaltee sa’aatii dheeraa turuu jiraattonni dabalataan himanii jiru.

Yeruma ijoollee kana ajjeessanitti gandichuma keessaa namoota kan biroo 7 qabanii achi buutee dhabamsiisuun hanga gabaasni kun qindaa’uutti eessa akka isaan geessan hawaasni wallaalee jiraachuu jiraattonni gabaasanii jiru.

Leave a Reply