ONM-ABO Bitootessa 31, 2026
Godina Lixa Harargee aanaa Bookee Araddaa Rukeessaa keessatti loltoonni Bilxiginnaa gaafa Bitootessa 26, 2026 ajjechaa suukaneessaa abbaa fi ilma dabalatee namoota nagaa 3 ija hawaasaa duratti rasaasa itti roobsanii ajjeesuu jiraattonni araddichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Maqaan namoota gochaan gara jabummaan loltoota Koloneel Abiy Ahmediin irratti raawwatame kunneen:
- Yuusuf Abdallaa, ilma isaanii
- Bookee Yuusuf Abdallaa fi
- Mahaammad Roobaa
kaneen jedhaman ta’uu jiraattotni naannichaa addeessaniiru.
Akka maddeen ifoomsanitti namoonni ajjeechaa kanaaf saaxilaman kunneen hirmaannaa dhaaba siyaasaa kamuu keessatti kan hin argamne ta’uu fi gochi hamaan kun maatii isaanii fuulduratti kan irratti raawwatamee fi sababa Oromummaa isaanii qofaan yakkamuun lubbuun isaanii galaafatamuu itti dabaluun ibsaniiru.
Waraanni Bilxiginnaa guyyuu lubbuu ilmaan Oromoo kumaatamaan lakkaa’aman kanneen ifatti ija hawaasaa duratti ajjeefaman caalaa kanneen dhoksaan ajjeefamanii reeffi isaanii soorata bineensa bosonaa ta’aa oolu dachaa dachaan caalaa jira.
Murni Bilxiginnaa qabsoo dhiigaa fi lafee uummata Oromootiin dhufe butee dararama uummata Oromoo ittuu kan hammeesse, dhugaa uummata Oromoo moggaatti dhiibuun dantaa dhuunfaatiif wal ijaaruun uummata Oromoo kutaa fi amantiin addaan qoqqoodee walitti bu’iinsa gidduu uummataatti uumuun dantaa siyaasaa fayyadama.
Bitootessa 29, 2026 magaala Bishooftuu keessatti Shimalis Abdiisaa yeroo guutuu Oromiyaatti lubbuun uummata Oromoo galaafatamaa jiru kanatti akka waan kutaalee Oromiyaa cufa keessaa Qeerroo fi Qarreen walitti dhufanii fakkeessuun faarsee bultoota kutaa tokko walitti qabuun sagaleen qawwee obboloota lamaan gidduu haa callisu jechuun jecha isaa miidhagsee dubbatus, waraanni isaaniin bobbaafaaman akka baala mukaatti lubbuu ilmaan Oromoo kumaatamaan harcaasaa jiraachuun ni beekama.





