• Tue. Jul 28th, 2026

Murni Bilxiginnaa Aanaa Roobee Diida’aa keessatti ijoollee xixiqqoo umriin isaanii filannoof hin geenye dirqisiisuun kaardii filannoo kennaafii jiraachuun ibsame

Mar 31, 2026

ONM-ABO Bitootessa 31, 2026 

Murni maqaa Diimokiraasii jedhu afaaniin lallabaa gocha abbaa irrummaa hojjatu Bilxiginnaan, godina Arsii Bahaa aanaa Roobee Diida’aa magaalaa Roobee keessatti ijoollee xixiqqoo umriin isaanii siyaasaaf hin geenye dhaaba badhaadhinaa filattu jechuun kaardii filannoo osoo isaan didanii humnaan itti raabsaa jiraachuu jiraattotni Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf ifoomsan.

Akka jiraattonni jedhanitti, ijoollee kana erga kaardii itti raabsanii booda guyyaa fillannoo manatti hafnaan ykn kan namni biraa isiniin jedhes yoo filattan bakka filannootti viidiyoo fi suuraan waraabamu waan jiruuf nutis amma viidiyoo fi suuraa keessan waraabnee jirra waan ta’eef booda yoo keessaa dhibdan isin hin dhiifnu jechuun doorsisaa turuun ibsameera. 

Murni Bilxiginnaa umrii aangoo isaa dheerefachuuf jecha daa’imman umuriin isaanii filannoof hin geenye humnaan of filachiisuuf bakkeewwan garaa garaatti filannoo sobaa kanaaf kaardii filannoo itti hiraa jiraachuun guyyaa guyyaan gabaafamaa jira.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading