• Tue. Jul 28th, 2026

Aanaa Dibaax keessatti hidhaan jiraattota irratti ergamtoota Bilxiginnaan raawwatamu cimee itti fufe

Mar 31, 2026

ONM-ABO Bitootessa 31, 2026 

Godina Matakkal aanaa Dibaax ganda Galleessa jedhamu keessatti gaafa Bitootessa 24, 2026 garaa isaanii guuttatanii buluuf kan dhama’an lukkeeleen Bilxiginnaa qonnaan bulaa maqaan isaa Obbo Tamasgeen Waajjiraa jedhamu sababa tokko malee reebichaa ulfaataa irraan ga’anii hidhaatti darbachuun dararaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru. 

Aanichuma ganda Giiphoo jedhamu keessatti immoo, gaafa Bitootessa 28, 2026 tiksiitonni barcuma aangoo siyaasaa koloneel Abiy Ahimad qonnaan bulaa maqaan isaa Obbo Hinsarmuu Fayisaa jedhamu mana jireenyaa isaatii qabuun waajjira poolisii aanichaatti hidhanii hiraarsaa jiraachuu ifoomsaniiru.

Qonnaan bultoonni garee gara laafina namaaf hin qabne milishoota murna faashistii Abiyyi Ahimadiin sobaan yakkamanii maqaa “deggartoota WBO’ti, ni nyaachistuu fi daandii agarsiiftu” jedhuun garmalee reebamaa manaa fi maatii isaaniirraa ukkaamfamuun hidhaman kunneen deggertoota paartii dhaaba siyaasaa kamiyyuu kan hin taane ta’uu fi kan yakkamanis dhugaa hariiroo WBO qabaatanii osoo hin taane Oromummaa isaanii qofaan jechuun maddeen ONM’tti himaniiru. 

Kutaalee Oromiyaa cufa keessatti lukkeeleen Bilxiginnaa ajaja abbaa irree Koloneel Abiyyi Ahimad irraa fudhatan galmaan ga’uuf mala ittiin hawaasa Oromoo miidhan bocatanii sababoota sobaa hedduu da’eeffachuun guyyaa guyyaan hiraarsaa raawwatan hammeessanii jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading