ONM-ABO Bitootessa 31, 2026
Godina Lixa Wallaggaa aanaa Qilxuu Kaarraa bulchiinsa magaalaa Qilxuu Kaarraatti hojjettoota paartii Badhaadhinaa ta’uun yakkoota uummata nagaa ajjeesuu, saamuu, hidhuu fi gidirsuu irratti isin waliin hin hirmaannu jedhan kanneen baay’inaan 5 ol ta’aan hidhanii gidirsaa jiraachuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeraniiru.
Namoonni diduun hidhaman maqaan isaanii:
- Obbo Habtaamuu Imaanaa,
- Obbo Asaffaa Baay’isaa,
- Obbo Fayyisaa Gurmeessaa,
- Obbo Alii Mohaammad fi
- Dargaggoo Mangistuu Teessoo
kanneen jedhaman akka ta’e odeessi jiraattota irraa nu qaqqabe ni ibsa.
Kana malees gariin ammoo isin ajjeesna jechuun gara dirqamaatti akka deebisan itti dabaluun kan himan oggaa ta’u, akka waliigalaatti uummanni onichaa yaaddoo guddaa keessa jiraachuu dubbatu.
Hidhamtoonni siyaasaa shakkii hidhata WBO qabdu jedhuun qabamanii gidiraa ulfaataa keessa jiran akka onichaatti danuu ta’uu kan himan jiraattonni, yaaddoo hammaataa keessa seenuun yoo dhukkubsatan yaala fayyaa dhabuu, bakka ciisicha halkanii walitti heddummatanii hidhamuun nagaa dhabuu, qulqullina bishaan dhugaatii fi dhiqannaa dhabuun rakkoo guddaa keessa jiraachuus dabaluun ibsaniiru.





