• Thu. Oct 8th, 2026

Aanaa Harxummaa Furseetti Dhukaasa finxaaleeyyiin Amaaraa Faannoon tikfattoota irratti bananiin namootni nagaan 3 ajjeefamanii tokko ammoo madaa’e 

Mar 31, 2026

ONM-ABO Bitootessa 31, 2026 

Godina Walloo aanaa Harxummaa Fursee karaa Caffaatiin Bitootessa 28, 2026 hidhattootni finxaaleeyyii Amaaraa Faannoon humna guddaan riphanii dhufuun dhukaasa horsiisee bultoota loon tikfachaa jiran irratti bananiin namoota nagaa sadi rasaasa itti roobsanii ajjeesuun, tokko ammoo madeessanii biraa deemuu ONM jiraattota irraa odeeffateera. 

Namoonni nagaan iddoo loon tikfachaa jiran mataa tikaatti humnoota badii finxaaleeyyii Amaaraa Faannoon ajjeefamaniif madaa’an kunneen dhalootaan aanaa Jiillee Dhummuuggaa, Sadeen Makkannaa ganda Gaanga’aa oggaa ta’an, isaanis loon godaansisuun gara aanaa Harxummaa Fursee Caffaatti kan galan ta’uutu dubbatama.

Tikfattoota finxaaleeyyii Faannootiin ajjeefaman keessaa ammaaf kan maqaan nu ga’e:

  1. Aliyyi Mahaammad Aliishaa fi  
  2. Sa’id Mahaammad Nuuruu kanneen jedhamaniidha.

Aanichatti finxaaleeyyiin Amaaraa Faannoo jechuun of yaaman, kan quba qabeenyaa fi deggarsa aangaa’ota Bilxiginnaan duula duguuggaa sanyii hawaasa nagaa irratti raawwachaa jiran kun guyyaa irraa gara guyyaatti humna namaa baay’ee fi meeshaalee gurguddaan riphanii dhufuun uummata nagaa irratti ajjeechaa suukanneessaa fi madoo raawwachuu kan durii caalaa jabeessanii itti fufaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading