• Wed. Oct 7th, 2026

Murni Bilxiginnaa aanaa Adaabbaa keessatti maqaa waltajjii jedhuun uummata waamanii namoota 7 hidhuun dhaga’ame

Mar 31, 2026

ONM-ABO Bitootessa 31, 2026 

Godina Arsii Lixaa aanaa Adaabbaa ganda Haqoo Kaarraa jedhamu keessatti Bitootessa 25, 2026 ergamtootni Bilxiginnaa maqaa waltajjii jedhuun hawaasa mana mana irra deemanii waamanii qarshii kennaa jechuun yeroo isaan gaafatanitti hawaasni “maallaqa yeroo garaa-garaatti guuraa turtan maaliin hojjettan, kan amma kennaa jettan kun kan maaliiti, mallaqa amma isin nu gaafattan kana nutuu manaa hin qabnu eessaa fidnee kennina?” deebii jedhu yeroo isaan dhiyeessanitti namoota gaaffii sana gaafatan “isin warra ilaalcha diinummaa qabuudha jechuun namoota 7 hawaasa keessaa kaasanii erga reebaa turanii booda, gara mana hidhaatti geessanii hiraarsaa turuu jiraattotni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Namoota torban kana uummata keessatti isin namoota ilaalcha diinummaa yookaan WBO qabuudha jechuun arrabsuun reebicha irratti raawwatanii gara mana hidhaa gandaatti geessuun halkan tokko bulchanii barii isaa mana hidhaa aanichaatti dabarsanii hedduu dararaa jiraachuun ifoomeera.

Namoota kanneen keessaa namni maqaan isaa nu qaqqabe Kadiir Tuusaa kan jedhamu yoo ta’u, namootni kunneen haala akkaan ulfaataa keessa jiraachuu jiraattonni bal’inaan gabaasaniiru.

Kana malees gandichuma keessatti namoota adamsanii reebuu fi jechoota hin barbaachifne ittiin jechuun haamilee isaanii buusanii abdii kutachiisuun namuu sodaa loltoota kanneeniin qe’ee irraa baqataa jiraachuu gabaasaan nu qaqqabe ni ifoomsa.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading