ONM-ABO Bitootessa 31, 2026
Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Horroo Bulluq ganda Odaa Bulluq bakka addaa Gitiloo jedhamu keessatti gaafa Bitootessa 27, 2026 ergamtoonni Bilxiginnaa manneen jiraattotaa qabeenya guutuu waliin ibiddaan gubanii barbadeessuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Haaluma kanaan namootni qabeenyi isaanii mana waliin ibiddaan jala gubatee keessaa muraasni maqaan isaanii nu ga’e:
- Obbo Darajjee Koraaz fi mana haadha isaa
- Aadde Shaashituu Dheerressaa
jedhaman sababa tokko malee maqaa “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu” jedhu itti maxxansuun manaa fi meeshaalee mana keessaa hunda jalaa gubanii barbadeessuu jiraattonni gandichaa ONM’tti himaniiru.
Murni abbaa irree Bilxiginnaa jaleewwan isaa gubbaa hanga gadiitti of jala hiriirsuun afaaniin badhaadhina lallabsiisaa ifatti immoo diinummaa ilmaan Oromoof qabu mul’isuun kutaalee Oromiyaa cufa keessatti loltoota isaa bobbaasuun guyyaa gara guyyaatti maqaa adda addaan yakkuun saamicha, reebicha, hidhaa fi ajjeechaan hiraarsuu cimsee itti fufee jira.



