ONM-ABO Bitootessa 31, 2026
Naannoo Benishaangul Gumuz magaalaa Asoosaa fi naannawaa isheetti jaleewwan Bilxiginnaa dargaggoota Oromoo irratti xiyyeeffachuun adamsanii qabuu fi ukkaamsanii gara mooraa leenjii waraanaatti geessuu akka jabeessan maddeen gabaasan.
Gochi kun keessattuu guyyoota dhiyoo asitti Bitootessa 25, 2026 irraa eegalee kan hammaate yoo ta’u, addatti dargaggoota Oromoo ta’an qofa irratti kan xiyyeeffatee fi fedhii isaaniin ala: karaa irratti, bakka hojii fi mana jireenyaa isaaniitii qabamuun konkolaataatti fe’amaa jiru.
Dargaggoonni magaalaa ba’anii manatti deebi’uun hafeera. Magaalicha keessatti ilmaan Oromoo akka deggertoota Waraana Bilisummaa Oromootti ilaalamu. Maatiin dargaggoota humnaan ukkaamfamanii hedduun ijoolleen isaanii gara kam akka geeffaman odeeffannoo dhabuun yaaddoo guddaa keessa jiru.
Kana malees, namoonni bakkoota garaa garaa irraa hojii albuuda baasuuf gara naannoo Kurmuk turan sababa lola Sudaanii fifinciltoota PPn deggeru gidduutti geggeeffamaa jiruun, haalli nageenyaa akka malee isaan waan yaaddesseef, gara magaalaa Asoosaatti baqachaa jiraachuu maddeen dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Raafama roga maraan isa muddeef baay’inni waraanaa akka waan impaayerattii kufaatii irraa baraarutti kan amanu Bilxiginnaan, magaalaa Asoosaa keessaa lola karaa daangaa Sudaan isa muddeef dargaggoota Oromoo qofa sanyummaan qoodee gara adda waraanaatti baasee ficcisiisuuf humnaan gara leenjii waraanaatti guuraa jira.
















